Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liyuu Hayil hardhaa fi kalee godina Baalee aanaa Madda Walaabuu fi Harargee Dhiyaa aanaa Mi’eessoo lolee nama saddeeti fixe


Liyuu Hayil Baalee gana Maddaatti nama sadii Harragee Dhiyoo Mi'eessootti ammo nama shan fixe

Waraanii naannoo Somaalee,Liyuu Hayil Baalee aanaa Madda Walaabuutti nama sadii Harargee Dhiyaa aanaa Mi'eessootti ammoo nama shan fixe
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:49 0:00

Godinii Baalee aanaan Madda Walaabuu akka warrii lafaa jedhutti lafa rakkoo guddoo keessa jirtu.Harargee Dhiyaa aanaa Mi’eesso faallee rakkuma akkanaatti itti jira.

Obboo Huseen Ibroo aanaa Madda Walaabuutti bulcha ganda Maddaati.“Torbee kana kallattii maraanuu lola nutti banan.Ganda Maddaa naannawa Madaallee jedhanitti kalee fi hardha nama sadii fixanii lama madeessan.”

Namii waraanii Liyuu Hayil fixe jedhan lama nama ganna 50 oliiti.“Lafuma teenna irratit nu fixan”

Lafa lolii keessa jiru tanatti akka obbo Ibroon jedhutti manneen barnootaallee qaata cufan.Akka obbo Ibroon jedhutti waraanii Liyuu Hayil “babalifannaa lafaatii fi lafa gabbattuu nurraa fudhachuuf nu lola.Lafa seenaa qabeetti tanaaf nu lola." Waraanii kun akka bulchaa kanaatti ganna lamaan kana keessa hammaate.

Warri biyya bulchu dhufee isan laalaa jennaan hinuma dhufaa “hardhaaf obsa jedhu garuu obsine dadhamne.”

Namii aanaa Madda Walaabuu jiraatu akka jecha bulchaa kanaatti saatuma fedhe dhufee nama hadha.

“Edanaayuu nagaan bullaa? Jennee sodaanna.Namii waraana kana nama irraa dhowwu hin jiru,” jedha.

Harargee Dhiyaalletti waraanii Liyuu Hayil kun fuluma hedduutti nama lola.

Akka bulchaan godina Harargee Dhiyaa obboo Teklee Dheeressaa jedhetti waraanii kun hardha ganma magaalaa Mi’eessoo seenee lole.

Lola hardhaatiin Liyuu Hayil nama shan fixe lama madeesse.Kana keessaa akka jecha obboo Tekleetti poolisii magaala eegan sadi iijjeesan.

Madoolee ammoo hospitaala Cirootti dabarsan.“Magaaluma Mi’eessoo loluuf dhufan.”

Jari kun mi’a waraanaa guddaa guurratee naannoo Somaalee dhufe lola jedha obboo Tekleen

“Barii jarii meeshaa fi hidhannoo konkolaataa Isuuzuudhaan fea’atee karaa Mulluu irraan galchaa turan jecha dhageenye.”

Waraanii feddeaalaa ammoo hajaja raayyaa ittisa biyyaa malee nama irraa hin dhowwu jedha obboo Tekleen.

Harargeen Dhiyaa gama waraanaatiin maan keessa jirti jennaan "Yeroon itti boqotaniiyyuu hin jiruu garuu kan akkana hidhatani sanyii isa kanaa hin agarre. Magaaluma Mi’eessoo seenuudhaaf dhufan.”

Fulaan Harargee Dhiyaa keessaa yoo hedduu waraani nama hadhaa jedhan araddaa shan keessa.

Wannii namii lafaa ka akka obboo Teklee faatii jedhan akka riferedndiin hujii irra ooltu.Laftii irratti nama hadhan tun ta eennuu jennaan ammoo “Gaafiin womaatuu hin jiru Oromoo lafa isaa irratti lolaa jiran.”

Waraanii kun amma waan dhaabatu fakkaata moo jennaan ammoo “fagoo hin jiranii bari ammumaayyuu,borummaayyuu deebi’uu dandaha,” jedha bulchaan godina Harargee Dhiyaa obboo Teklee Dheeressaa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG