Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii naannoo Somaaleetii dhufe, 'Liyuu Hayil' Godina Gujii Bahaa aanaa Liiban ollaa Dhungoo hadhe nama 7 fixee heddu mammadeesse


Oromiyaa
Oromiyaa

Waraanii Liyuu Hayil godina Gujii Bahaa aanaa Liibanitti ollaa Booranaa hadhee nama torba keessatti fixe
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:22 0:00

Waraanii kun akka warrii lafaa jedhutti baranaayyuu marro hedduu naannoo tanati nama hadha.

Akka warrii lafaa jedhutti jarii kun qaraa guyyaa dheengaddaa horii qawween hadhee fixe kalee ammoo nama hadhe.

Fulaan akkana itti nama hadhan aanaa Liiban,ganda Simmintoo ardaa Funnaan Agarsuu,Dhungoo fa.Ammallee gara Qaxxee Waarelleen waan akkana kana itti himan jedhan.

“Wannii waraanii Liyuu Hayil namaa hadhu,Matiriyeessa,shiishaa,qawwee ilaalaa qabdu makiinaa irra dhaabee fulaa qawween teenna gahuu hin dandeennee nuu hadha,” jedha warrii lafaa.

Ollaan jari kun hadhe jedhan Dhungoo ollaa mana 100 caalu qabu.Jaarroleen isiin ollaa sun keessatti fixxe nama ganna 60 fi 70 keessa jiru; Galgaloo Huqqaa,Duuba Qancoorrichaa,Baggajjaa Dooyyoo fa.

Jarii kun olla agama lamaatti itti baafatee keessatti nama fixee waraanii isaanii akka warrii lafaa jedhutti nama 600 caala.Nama jara kana biyya irraa dhowwuuf lola keessatti madaahee fi dhume keessaa Gujii fi Booranaa.

Aabba Waariyoo Goolcihaa bulchaa aanaa Liibaniiti.Akka innii jedhetti waraanii Liyuu Poolis ka biyya hadhe kun mi’a waraanaa gugurdaa ka akka Matiriyeessaa faan ollaa Booranaa ka gara Simintoo hadhee nama torba fixe.

Amma ittisii waraanaa Itoophiyaa jidduu seenee jara ya gargar dhowwe jedha aabbaa Liiban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG