Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harargee Bahaa aanaa Cinaakasn keessatti waraanii Liyuu Poolis ganda hedduu lolee namallee ijjeese


Waraanii Liyuu Poolis Harargee Bahaa aanaa Cinaksenii keesstti Liyuu nama ijjeesan
Waraanii Liyuu Poolis Harargee Bahaa aanaa Cinaksenii keesstti Liyuu nama ijjeesan

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:37 0:00

Cinaaksan aanaa godina Harargee Bahaa keessaa tokkoo ganadaa 50 caalaa qaba.Akka jiraattotii jedhanitti waraanii Liyuu Poolis Jijjigaatii dhufee ganda aka Hordaa, 1ffaa, Lammaffaa fi Sadaffaa,Kalmaalee,Baaduu Caffee fi Marar.

Akka warrii achii dubbifne jedhutti waraanii kun duruu naannoo tana hinuma lolaa taatullee dhiyoo tana keessaa hedduu lolee nama shan caalaa fixe. "Milishaa gandaatti nurraa dhowwaa jira,"jedha warrii nu dubbifne

Waraanii Liyuu Poolis waraana ittisa biyyaa(Mekkelaakeyaa) wal lolee nama irraa madeesse jedha warrii nu dubbisne.

"Waraanaa dhaabaa fi hin dhaabnuu irratti Mekelaakeyaa fi Liyuu Poolis magaalaa Hordaa Lammaffaa keessatti wal lolanii Mekelaakeya airra anamii madaahe.”Garuu Mekelaakeyaan hin amannu..isaanumattuu Liyuu Poolis gargaaraa jiraa,” jedha warrii nu dubbifne.

Jiraattooti Cinaaksen waraanii Liyuu Poolis lafaa duruu Riferendeem dhabe ammallee baballifachuuf loluutti jira.

Waraanii Ittisa biyyaa akka jiraattotii aanaa Cinaaksen jedhanitti Liyuu Poolisii gargaaraa poolisiillee balleessaa itti mure.

Bulchiinsii Dhimma Nagaa aanaa Cinaaksen ammoo Liyuu Poolisii fi Waraanii Ittisa Biyyaa wal hin lolle taatullee waraanii alaa dhufe ka wayaa milihsaa Somaalee qabu naannoo isaanii gadeen Cinaaksen loluu isaa dubbatan.

Obboo Ahmed Yaasin itti aanaa itti gaafatamaa dhimma nageenna aanaa Cinaakseniiti.

“Naanannoo keenna seenanii ummata dhawaa jiran.Nu naannoo isaanii hin seennee isaantu nutti dhfee..fedhii isaanisi hin beeknu.Wayaa milishaa Somaalee qabu.Federaalattis himnee jirraa naannoo Oromiyaatti himnee jirra.

Amma lola kana irratti gurbaa tokkotti Marar keessatti du’e.Gaafii isaaniituu hin beeknu.Qawwee gugurguddoon lolan.”

Akka jecha obboo Ahmeditti amma lolii ya dhaabatee jiraattotii ammalle Cinaaksen soda guddoo keessa jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG