Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liyyuu Haayiliin Somaalee Haleellaa Raawwateen Namoonni Hedduun Dhuman: Amnestii Internaashinaal


Haleellaa Harargee bahaa aanaa Cinaagsen keessatti raawwatame jedhame kana namni ani jiraataa magaalaa cinagsen jedhe tokko akkasitti haala ture Tsiooniif ibse.

Cinaagsen keessatti waanti uumame Liyyuu Poolis kanneen jedhaman meeshaa gurguddaa hidhatanii dhufan. Anis achuma bakka qonnaa koon ture. Dhukaasa banan. Namoota 14tudu’e. ani jalaa fiigeen miliqe. Manneen jireenyaa gubanii beeladaalee fudhatanii deeman. Namoonnis qe’ee ofii irraa baqatan jedhan.

Jiraataan kun ennaa ibsan yeroon isaa yeroo soommanaa waan tureef waaree booda waan rafuuf namni ganamaan ka’ee qonnaatti bobba’a. Ganama sa’a 11 ta’a. Namoonni rukutaman illee fuullee dhuma mana isaaniitti rikutaman jedhee jira.

Uummatis ofi irraa ittisuuf kaan dhakaa dhaan kaan meencaa dhaan ofi irraa ittisaa ture jedhan. kan Merteyeesii fi mencaan ba’u garuu tokko miti jedhan.

Har’a namoonni 10 sirni awwaalcha isaanii raawwachuu jiraataan kun Tsioniif ibsaniiru.

Cinaagsen keessatti balaa dhaqqabe jedhame kana ilaalechisee Amnesty Intrnaatinalitti qorataa dhimma gaanfa Afriikaa obbo Fissehaa Tekle ibsaniiru.

Naannoo Cinaagsenitti jimaata darbee qabee namonin 14 humnoota addaa naannoo Somaaleetiin du’aniiru. Kaan immoo gandeen adda addaa keessa qubataniiru. Guyyaa jimaataa namoonni sadii ajjeefamaniiru. Sambata immoo namoonni torba dilbata kaleessaa immoo namoonni afur rasaasi itti dhukaafamee jjeefamaniiru.

Namoonni hedduun immoo madaa’aniiru.

Obbo Fissehaa Teklee itti fufuu dhaan kun kan yeroo dhiyoo haa ta’u malee torban lama duras haleellaa dhumti wal fakkaatu dhaqqabuu isaaf manneen isaanii gubatee namoonni hedduun du’anii turan jedhan.

Humni addaa Somaalee kan “Liyyuu poolis” jedhamu kun bara 2008 erga hundeessamee qabee yeroo adda addaatti dhiittaa mirga namaa adda addaa raawwataa turuu isaa obbo Fissehaan tuqanii yeroo dhiyoo as immoo gara naannoo hollaa Oromiyaatti ce’uu dhaan namoota irraan miidhaa dhaqqabsiisaa jira. Humni kun bittinnaa’uu qaba jedhan.

Qaamni poolisii kanaa kan yakka raawwate illee murtiitti dhiyaachuu qaba, kanneen mirgi isaanii dhiitame immoo hirphi barbaachisu baafamuufii qaba jedhan. kana ennaa jedhamu maallaqa qofaan utuu hin taane bifa adda addaan ta’uu mala jedhan.

Dhiittaan mirga namaa raawwatame amanamee qaamni dhiittaa mirga namaa raawwate dhiifama akka gaafatu kan nuti barbaannu jedhan.

Liyyuu Haayiliin Somaalee Haleellaa Raawwateen Namoonni Hedduun Dhuman: Amnestii Internaashinaal
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:44 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG