Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbi-himaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa: Humnoota Qaamota Sadii Tu Daangaa Cehee Uummata Nagaa Oromiyaa Keessatti Haleela


Itti gaafatamaa biiroo dhimmoota kominikeeshinii Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa
Itti gaafatamaa biiroo dhimmoota kominikeeshinii Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa

Itti-gaafatamaan dhimmoota koomiyunikeeshinii mootummaa naannoo Somaalee – Obbo Idiris Ismaa’el, “humni hidhataan naannoo keenya keessaa bobba’ee, Oromiyaa keessatti haleellaa uummata irratti raaw’ate hin jiru. Kun qoratamee mirkanaawee jira” jechuu isaanii, sagantaa keenya kaleessaa irratti gabaasuun keenya ni yaadatama. Humnoonni daangaa naannoo Somaaleetti cehanii uummata nagaa irratti haleellaa geggeessan, kannneen Oromiyaa irraa nutti bobba’an Adda Bilisummaa Oromoo fi ergamtoota Jawaar Mohammadi –jedhanii turan – Obbo Idiris. Dubbi-himaan Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Toleeraa Adabaa fi daarektarri OMN, Obbo Jawaar Mohammed garuu, lola sana keessaa harka qabaachuu ni haalan.

Oduun kun ka ragaa qabatamaa hin qabne, oduu dharaa ta’uu ka dubbatan – Itti-gaafatamaan dhimmoota Koomiyunikeeshinii – Obbo Addisuu Araggaa immoo, “ka daangaa Oromiyaatti cehee saba nagaa irratti haleellaa geggeessaa jiran, k agama Somaalee tii bobba’an – qaamota sadii ta’uu ragaa qabatamaa qabna” jedhu. Humnoonni kun poolsii addaa bulchiinsa naannoo Somaalee “Liyyuu Poolis” jedhamu, milishaa naannoo Somaalee fi humnoota waraana Mootummaa Ripuublikii Somaaliyaa irraa kanneen dhufan ta’uu dubbatan. Qaamota kana keessaa kanneen waraqaa eenyummaa fi yuunifoormii isaanii waliin qabamanii harka poolisii Oromiyaa jiran jiraachuullee beeksisanii jiran.

Kana cuqaasuun gaaffii fi deebii Obbo Addisuu Araggaa waliin geggeessame dhaggeeffadhaa

Dubbi-himaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa: Humnoota Qaamota Sadii Tu Daangaa Cehee Uummata Nagaa Oromiyaa Keessatti Haleela
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:02 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG