Loltoonni NaannooTigraay duraanii fi kanneen miidhaan qaamaa isaan irraa gahee mooraa keessa jiran guyyaa har’aa Muddee 1 bara 2017 daandii magaala Maqalee fi magaala Adigiraati wal quunnamsiisuu cufuudhaan mormii isaanii dhageesisanii jiru.
Mormitoota kana keessa tokko kan ta’an Obbo GebrMariyam Beyene sochiin loltootaa Tigraayii duraanii hidhaanoo hikachiisuudhaan garaa ummataatti makuu keessatti haalli warren qaaminni isaanii miidhamee akkaataa adda ta’een ilaalamuu qaba malee, akka wareen qaamaa nagaa qabanitti ilaalamuu hin qabu jedhanii, Mormichiis gaaffii kana dhiheesuuf akka ta’e erraniiru.
Nammi biraa maqqan isaa akka hin dhahamnee gaaftee gama isaatiin, akka waldhaansa yaalaa fudhachaa jiruu hin xumurre ibsee, garaa ummattati yemmuu makkamuu akkataan innii waldhaansaa fayyaa argachuu danda’u akka hin beekamnbee himuudhaan waggoottan lamman darbaniif hoggansii naanichaa midhaamtoota waraana kana hiraanfatanii akka turan dubbateera.
Miidhamtooni waraanaa 500 ta’an Saa’atii Afuriif karaa erga cufanii boodaa hogganasaa qama nageenyaa naannoo Tigraay keessaa tokko kan ta’an Jeeneraala Maashoo Beyenee mormitootaa sana Haasofsiisuudhaaf garasitii akka deeman beekameera.
Marii taasifameen hordofuudhaan, ergaa karaan banamee booda, Jeeneeraal Maashoo Beyeenee mormitootaa kana kan haasisiisan yemmuu ta’uu, gaafiin isaanii sirnaan ilaalamuu akka qabuu ibsuun isaanii beekameera.
Midhaamtoonni waraanaa naannoo Tigraay waldhaansa yaalaa gahaa akka argachaa hin jiree, baajatin ykn maallaqinni isaaniif ramadamee sirrittii isaan qaqqabaa akka hin jirre ibsuudhaan Kanaan dura magaala Maqalee keessatti hiriiraa mormii taasisanii akka turan Mulugeetaa Atsibahaa gabaseera.
Forum