Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maallaqi Itiyoopiyaa Haaraan Erga Raabsamee Qarshii Guddan Baankii Galuun Himame


Faayilii - Maashinii ATM
Faayilii - Maashinii ATM

Qarshiin jijjiiramuu isaatti aansuu dhaan guyyoota kudha afur keessatti qarshiin biliyoonaan laka’amu herrega haaraatti ga’uu isaa baankiin biyyoolessaa beeksisee jira.

Maallaqi Itiyoopiyaa Haaraan Erga Raabsamee Qarshii Guddan Baankii Galuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:29 0:00

Qarshiin jijjiiramuu isaa dura qajeelfamni ture baankii dhaa guyyaatti maallaqa calla namni dhuunfaa hanga kuma 200tti ji’atti immoo hanga miliyoona tokkoo fi walakkaa kampanileen immoo guyyaatti qarshii kuma 300 kampanileen immoo ji’atti hanga miliyoona 2.5tti akka baafatan baatii Caamsaa darbee murtaa’ee ture. Yeroo ammaa garuu qajeelfamni haaraan ba’uu isaaf qajeelfamni inni duraanii maaliif akka jijjiirame bulchaan baankii biyyoolessaa Dr. Yinaager Dessee VOAf ibsaniiru.

Hordoffii fi gamaaggama gooneen namoonni adda addaa baankilee garaa garaa keessatti herrega baankii banu. Fakkeenyaaf baankiin 17 yoo jiraate 11 ykn 12 kessatti maqaa ofiin herrega banu. Namni herrega baankii 11 qabu guyyaatti kuma 200 yoo galche ji’atti gara miliyoona 1.2 ta’a. namni hojii akkasii irratti ramadame guyyaatti qarshii haaraa hedduu baasuu danda’a jechuu dha. Kaayyoon maallaqni jijjiirameef immoo qarshiin baankii dhaa ala jiru gara baankiitti galee adeemsa hojii baankii keessa maallaqi kun akka naanna’u gochuuf. Gama kanaan bu’aa hedduu argannee jirra. Herregawwan haaraa banamaniin maallaqa biliyoonaan laka’amutu gala jira.

Namoota herrega baankii adda addaa banatanii maallaqa hedduu baankii baasan kana ugguruufis qajeelfamni haaraan ba’ee jira jedhu bulchaan baankii biyyoolessaa Dr. Yinaager Dessee.

Kana daangessuuf haala isaa mara erga ilaallee booda guyyaatti qashii calla kuma 50 ol namni dhuunfaa akka hin baafne,kampanilee dhaaf immoo guyyaatti qarshiin kuma 75 ol akka hin bane kan jedhuun fooyyeffama haaraa goonee jirra.

Kana ennaa jennu maallaqi ka biroon herrega tokko irraa isa kaanitti ni darba. Check ykn CPO dhaan hojiin gabaa ni geggeeffama jechuu dha. Kun martinuu akeeki isaa namoonni seeraan alaa maallaqa haaraa kana hoji adda addaa hojjechuu dhaan deebisanii haala baankii dhaa ala gochuu argaa waan jirruuf kana daangessuu yaannee ti. Kanaaf namni maallaqa kuma 50 ol baasuu barbaadu herrega isa tokkoo isa kaanitti dabarsuu danda’a waan ta’eef hojii gabaa idilee hin miidhu jedhaniiru.

XS
SM
MD
LG