Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayyaan Ittisa Biyyaa Uummata Nagaa Irratti Dhukaasuun Kaan Ajjeesee kaan Madeesse: Jiraataa Magaalaa Moyaalee fi Ogeessa Fayyaa


Poolisii Federaala Itiyoophiyaa
Poolisii Federaala Itiyoophiyaa

Godina Booranaa magaalaa Moyaalee keessatti har’a ganama akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti naannoo sa’aatii shanii hanga sa’a torbaatti namoota nagaa irratti dhukaasa banuu dhaan namoonni 20 rasaasaan ennaa dha’aman kana keessaa kanneen sagal ta’an du’uu jiraattonni magaalaa Moyaalee fi ogeessi fayyaa Hospitaala Fulleessaa nuuf ibsaniiru.

Jiraataan magaalaa Moyaalee dhukaasa magaalattii keessaa ijaan arge jedhan tokko akka nuuf ibsanitti namoonni rukutaman kun kaan daandii irra kaan immoo manuma isaanii keessa taa’anii buna dhugaa kanneen turan kaan immoo hoteela keessatti jedhan.

Magaalaa Moyaaleetti kan argamu Hospitaala Fulleessaa jedhamutti ogeessa fayyaa kan ta’an obbo Badhaasoo Mirees magaalattii keessatti sochiin tokko iyyuu hin turre, namootuma nagaa irratti dhukaasi banamuu dhageenye. San booda madoon gara hospitaala keenyaatti ergamee kaan du’anii kan lubbuun hafan immoo kaan Moyaaleetti humnaa ol kan ta’e immoo gara Awaasaatti geessamaniiru jedhan. Magaalattiin waraanaan waan weeraramteef uummati rifatee ijoollee isaa qabate gara biyya hollaa Keeiniyaatti baqataa jiraachuu illee jiraataan magaalattii nuuf ibsaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:35 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG