Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Maqalee yeroo Sadaffaaf Haleelamtee Jirti


Magaalaan Maqalee yeroo Sadaffaaf Haleelamtee Jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:36 0:00

Itiyoophiyaan Torban kana keessaa yeroo sadaffaaf har’as magaala Maqalee Samii Irraa kan haleeltee yoo ta’u, humnootii Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) dadhabsuuf duulli gaggeessituu waggaa guutuuf deema.

Teleeviziyoonni ABUtiin to’atamuu akka jedheetti haleellaan kun walakeessa magaala Maqalee irratti gaggeeffamee jechuu bira darbee miidhaa dhaqqabee gad fageenyaan kan ibse hin qabu.

Mootummaan Itiyoophiyaa akka jedhutti haleellaan kun gamoo humnootiin Tigraay meeshalee waraanaa keessatti wal’anan irratti fulleefate.ABUT rasaasootaa fi meeshaalee waraanaa gurguddaa lafa amantii keessa kaa’uun uummata dahannaa godhachuun beekama jedhan dubbii himaan mootummaa Itiyoophiyaa Laggasaa Tulluu.

Namoonni ijaan argan lamaa fi madden hojii gargaarsa dhala namaa kanneen Maqalee keessaa akka jedhanti, haleellaan kun warshaa Masfiin Injinariing jedhamu guddicha kan mootummaan ABUTiin gargaara jedhe irratti qiyyaafate.

Haleellaan kun kan fageenya kilo meetra tokko irratti argamuu foddaalee Hospitaala walii galaa kan Maqalee keessaa harcaasuun manneen naannoo sanss barbadeesse jechuun kanneen ijaan argan keessaa Dooktoora hospitaalicha keessa ture ibsee jira.

Namoota mada’an 5 simannee jirra. Afuran isaanii hojjattota warshichaa ti. Inni shanaffaan dubartii warshaa sana cina jiraattuu dha. Manni ishee haleellaa Kanaan barbada’eera jedha Doktoorri kun.

Gabaasa Guutuu Caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG