Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaallan Oromiyaa reera, ganda,karaa fi lafa ufii hedduu maquma Oromoon duruu baafatetti deebifatan Yaaballoo fi Amboolleen itti jiran


Magaallan Oromoo gandoota isaanii durii lakkoofsaan yaaman amma maquma Oromootti deebisuutti jiran
Magaallan Oromoo gandoota isaanii durii lakkoofsaan yaaman amma maquma Oromootti deebisuutti jiran

Magaallan Oromoo maqaa reeraa fi olloota isaanii duran lakkoofsaan yaaman maquma Oromootti deebifachuutti jirab
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:38 0:00

“Lafa teenna durii kiristinnaa nurraa kaasan,maqaa lafa teenna lakkoofsaan yaamanii fi waan keenna ka bade qajeelfachuutit jirra,” jedha warrii maqaa lafa ufii qajeelfachutti jiru.

Tana qofaa mitii waan magaala keessatti Afaan Oromootiin barreessanillee akka qubee qajeeltuu fi jecha “Oromoo Oromoo urgaahuun akka barreesan gochuutti jirra”jedhan.

Akkuma Adaamaa fi magaalii hedduun duruu jalqabaniin ammallee magaallaan Oromoo hedduun maqaa karaa isaanii, daandii isaanii,manneen barnootaa fi waan ufii hedduu maqaa jabaa fi janna ufiitti deebifachuutti jiran jiran.

Shawaa Dhiyaa keessaa bulchiinsii Amboo akka bulchaan isii Tafarraa Badhaasaa jedhetti waan hedduu qajeelfahuuti jirti.

“Maqaa, eennummaa fi duudhaa Oromoo ibsutti deebisaa jirra” jedhe. Akkuma kanaan ollootaa fi gandoota durii lakkoofsaan 01,02,03… jedhanii moggaasan maqaa Oromootti deebisuutti jiran.

Olloota Amboo ka durii lakkoofsan maqaa itti baasan

Ganda 01 ---Hora Ayeetuu

Ganda 02 ---Yaa’ii Gadaa

Ganda 03---Torbaan Kuttaayee

Ganda 04 --- Sanqallee Faarisii

Ganda 05---Kisoosee Oddoo Liiban

Ganda 06---Awwaaroo Qooraa

Hujii tana Biiroo Aadaa fi Turizimii fi bulchiinsa magaalaatti jaarrolee lafaa itti gaafatee waliin hojjata.

“Eennummaa fi maalummaa Oromoo iddootti deebisuuf.” Barreeffama karaa irratti barreessanillee “Oromoo…Oromoo urgeessuuf itti jirra.”

Yaaballo,Boorana

Yaaballoo teessoo godina Booranaati. Akka bulchiinsa Biiroo Aadaa fi Turizimii dira Yaaballoo, Liiban Yotaa jedhetti achilleetti maqaa reeraa fi gandaa maquma duruu Booranii baasfeefitti raruutti jiran.

Olloota durii lakkoofsaan maqaa itti baasan ganda 02 amma Garbii yaaballoo jedhan

Durii Ganda 01 amma Ardaa Yaa’aa

Durii Ganda 02 amma Yaaballoo jedhan

Garbiin Yaaballoo Reera 10 qabdi

  • Madheera Sirbaa
  • Gooroo Biiqqaa
  • Dolloolloo Hoolaa
  • Dhakaa Qakee
  • Goda Daboobessaa
  • Khoboole
  • Madda Garbii

Ardaa Yaa’aa(Gandaa 01 ) durii jala Reera 7tti jira

  • Gooroo Roobaa
  • Tulluu Bahaa
  • Madheera Sirbaa
  • Bultoo Geedoo
  • Boqota Raabaa
  • Ulaagaa Nagaa
  • Kubii Curraa

Jaarrolee fi warrii lafaa akka bulchiinsi jedhetti olloota hafanillee akka maqaa duruu baafatanitti raraniif gaafachuutti jira.

Barreeffama dira keessaa

Rakkoo dira Oromiyaa hedduu keessaa mullattu akka bulchiinsii jedhetti Qubee Afaan Oromoo qajeelchanii barreessuu dhabuu,qubee Afaan Oromoo diqqeessanii afaan Amaaraa gugurdisanii barreessuu.

Biiroon aadaa fi Turizimii Yaaballoo warra seera malee barreessan jedhe ‘taappeellaa’ 100 caala dira keessaa barreeffama isaanii irraa haqee waan hafellee kaan qajeelchee kaan ammoo adabuuf hujiitti jirra jedha.

Maqaan haaraa bahe kana biiroo mootummaa cufa keessatti ittiin hjjatnii waraqata eennummaallee akkasiin qajeelchuutti jiran.

Warrii manneen nyaataa fi dhugaatii keessatti barreessullee ogeeyyotii qubee qajeeltuun barreessuuf baannaan hin adabaman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG