Xurree ittiin seenan

Breaking News

Makiinaan fa’iisaa 8n qawweellee fa’achuu hin oolu jedhanii Boorana magaalaa Sooddaa dabruu dhowwan kaan ‘humnumaan’ naannoo Somaaleetti dabre


Makiinaa fa'iisaa 8n qawwee fa'achuu hin oolu jedhanii Boorana dabruu dhowwan kaan humnumaan dabre
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:54 0:00

Akka jiraattotii godina Booranaa aanaa Dirree magaalaa Sooddaa jedhanitti makiinaa fa'iilee kun Kamisa dabre wal harkisaa,Boorana, Soodda dhufe.

Warrii lafaa waan makiinaan kun fa'ate shakkee bulchiinsallee yaammatee waan keessa jiraa gaafatan.Midhaan malee woma keessa hin jiranii jedhee waraanii makiinaa keessa jirulleen soquu nama dhowwee ummatilleen karaa bahuu dhowwe.

Nama kuma hedduutti makiinaan fa'iisaa 8n waan hin beenne fa'ate sun bahuu dhowwuuf Soodda,Booranatti walti dhufe
Nama kuma hedduutti makiinaan fa'iisaa 8n waan hin beenne fa'ate sun bahuu dhowwuuf Soodda,Booranatti walti dhufe

Guyyaa lama magaaluma,Sooddaa tursanii waraana makiinaa sun faana dhufelleen dabalamee dabruu fi dabruu dhabuu irratti wal dhabanii waraanii akka warrii lafaa jedhutti namii 3 haga 4 waraana suniin du’e.

Akka itti gaafatamaan bulchiinsa nagaa aanaa Dirree,aabba Kulultuu Saaraa jedhutti ummatii waan lama gaafate.Warrii nama fixe akka gaafatamuu fi wannii makiinaa sun keessaa jiraa akka maan taate beekmatu.

Adoo sunuma irratti wal falmanii namilleen lafatti gobbatee jarii humnaan karaa banatee namallee dhaanee achii oofee gara itti yaa’utti yaa’e.

“Daqiiqaa 10 duubatti karaa irraa bu’aa nuu jette.Suniin duubatti nuu cufaa dhaantee baqachiifte.Ka isiin cabsitelleen hin jiraa. Bulchoota godina,ka Oromiyaa fi federaalaa dhufan,abbootii gadaatii fi ajajootii poolisiilleen ya jarii akkana nama dhaanu naannuma sun jiran.Poolisii Oromiyaallee achii oofan,” jedha Awwal.

Wal dhaba Kamisaa irratti nama 20 tahutti madaa’e.Kana keessaa akka namii lafa sunii dubbifne, Awwal Hacaa jedhutti madoolee keessaa ijoollee barattootaa ka dibbeessa qawwee dhageettee mana barumsaatii baqatte ka ganna 10,13,17,18 fi19 faatti keessa jira.

Itti gaafatamaan bulchiinsa nageennaa ammoo namii ganna diqqaallee madaahuu isaa quba qabaatullee ganna isaanii hin mirkaneeffanne jedha.

Akka bulchiinsilleen jedhutti jaarsaa, jaartii, niitii ulfaallee warra madaahe keessa jira. Waraanii makiinaa kana faana yaa’u mi’a waraanaa hedduun eegan jedhan.

Dubbii tana gara Mootummaa Naannoo Oromiyaallee gaafachuuf jennee ammatti hin arganne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG