Xurree ittiin seenan

Breaking News

Makiinaa Wallaggaa Dhihaa Gimbiitti hardha gara galeen nama 14 lubbuu dhabe


Oromia map

Warra lubbuu keessaa barattootaa fi barsiistotii yuniversitiilleen keessa jiranii taatullee qulqulleeffachuutti jiranii jedha tiraafiki poolisiin godina Wallagaa Dhihaa Saajjin Gasoojaa Asaffaa.

Akka itti gaafatamaan kun jedhetti makiinaan ariifatee fiigu kun makiinaa fahiisaatiin wal dhahee nama fixe taatullee waan balaa kanaa diidessanii qorachuutti jiran.

Makiinaan kun nama hedduu fa'aee adoo Naqamtee gara Ayiraa deemuutti jiruu hardha gara guyyaa gara gale.

Gimbiitti akka itti gaafatamaan wallaansa hospital Advensitis Dr.,Firaafyaadi Guddinaa jedhetti nama dhumate malee 20 miidhamee wallaanamuutti jiran.

Namii hagii tokko achumatti lubbuu dhabee kaan ammo hospitaala gahee lubbuun baate. Jara madaan itti hammaate wallaansaaf Naqamteetti dabarsan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG