Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manii murtii Itoophiyaa Gaazexeessaa OMN Guyyoo Waariyoo wabiin baasuuf hajaje


Gaazexeessaa OMN Guyyoo Waariyoo
Gaazexeessaa OMN Guyyoo Waariyoo

Guyyoo Waariyoo fi gaazexeessotii OMN eegii hidhamanii ji’a lamatti yaahuutti jiran. Jari kun eegii Hacaaluu Hundeessaa ijjeefamee waajjia OMN Finfinnee jirullee cufan keessa hidhame.

Obboo Dejenee Xaafaa barreessaa KFO warra hardha akka waasiin gadi dhiisan hajajan keessaa tokko. Eegii hidhamee yaayyuu ture mana hidhaatti dhibamee COVID-19 irratti argame jedhameellee eegee ammoo dhiba sunillee irraa dhaban. Isallee qabdii birii kuma 10,000n gadi dhiisuuf hajajan.

Barreessaa KFO,Dejenee Xaafaa
Barreessaa KFO,Dejenee Xaafaa

Mishaa Adem Cirrii ogeessa komputeraati lammii Amerikaati. OMN waliin hojjachuuf ganna lamaan duratti Itoophiyaatti galee Finfinnee qabame.

Isallee waasiin baasuuf waadaa galaniif. Nama jara waliin jiru Koorsaa Dachaasaa akkuma jaraa waasiin baasuuf manii murtii hajaje.

Jara kana haga guddaan waan ummataa walti buusaa hojjachuun shakkanii himatan.

Abbaan alagnaa addaa akka guyyaa 15 kennaniifii ammallee jara akka qoratan gaafate. Qorataan poolisii ammoo guyyaan qorannoo dhumachu isaa mirkanse.

dhumate mirkanse.i Abukaatoon isaanii Kadir Bulloo ammoo tana hin falmeef. Jari akka bahan hajajii bahe kun yoom akka bahan mirkanaa miti.

Gaazexeessaa OMN Mellesee Dirribsaa jalqaba Hagayya keessa wabiin gadi dhiisuuf hajajanillee poolisiin waan dhibiin shakkee himatee ammallee hin baane.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG