Wiiliyaam Ruutoo buclhoota Keenyaa rakkoo filannoo bara 2007 Keenyaa irratti dhalatte ka bulchootii filannoo irratti wal dhabanii,dubbiin gara gosaa deebitee namii hadhee wal balleessee irratti himatan keessaa tokko.
Rakkoo suniin nama 1,200 dhumatee kuma hedduutti baqate.Manii Murtii Yakka Addunyaa Qoratu, International Criminal Court (ICC) Wiiliyaam Ruutoo fi pirezidaantii biyya sunii,Uhuru Kenyaataa dabalee nama hedduu dubbii suniin himachaa bahe.
Uhuuruun dubbii sun akkuma itti bahettu yajalaa bahee amma ammoo Ruutoo fi gaazexeessaa Keenyaa Joshua Sang dubbii isaanii laalee nagaan gadi dhiise.
Akka abbaan seeraa dubbii sun laale jedhetti manii murtii waan jara suniin hiamtu irratti hina arginee jedhe.
Jarii himatan lamaanuu duruu balleessaa sun keessa akka hin jirre mormachaa bahe.
Dubbii isaanii ganna sadii turte.Akka jarii dubbii mure dabalee jedhetti abukaatoon ragaa quubasaa jara kanaan himatan hin dhiyeeffannae.