Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Federeeshinii Mootummaa Naannoo Tigraay Ilaalchisee  Murtii Dabarse


Manni Maree Federeeshinii yaa’ii guyyaa harraa taa’een mootummaan federaalaa naannoo Tigraay wajjin wal-quunnamitti hojii kamiyyuu akka dhaabu murtii dabarseera.

Murtiiwwan darbanis an armaan gadiitii:

-Mootummaan federaalaa bakka buutoota naannoo Tigraayitti filannoo heeraan ala ta’een filaman akkasumas qaamota hojii rawwachiistu wajjin wal qunnamuu akka dhaabu.

-Mootumman federaalaa misoomaa fi tajaajilawwan bu’uraa fedhii uummata Tigraay irratti hundaahaniif, bulchiinsa magaalalee fi gandaa dabalatee, dhaabbilee seera qabeessa ta’an wajjin qofa wal quunammtii akka godhu.

-Murtiiwwan kun hojiirra ooluu mirkaneeffachuuf afyaa’in mana maree federeahinii fi koreewwan dhaabatoon dhimmichi isaan laallatu akka hordofan

Murtiiwwan kunis yaa’ii atattamaa manni maree Federeeshinii ji’a Hagayya darbee keessa geggeese irratti yaada xumuraa irra gahamee irratti hundaahee an darbe jedhameera.

Manni maree sun yaa’ii sana irratti filannoon tahu akka filannoo hin geggeessamiinitti, akka hin raggaasisamiinii fi raggaasisamuuf hin jirreetti murtiin darbuu isaa uaadachiisee jira.

XS
SM
MD
LG