Manni Maree Ministirootaa Itiyoophiyaa ya’ii isaa har’a gaggeesseen baajatni biyyattii kan bara dhufuu ji’a Adooleessaa keessa jalqabamu birrii biiliyoona 801.65 wixinee isaaf dhiyaate mirkaneesse. Manni marichaa ibsa baaseen baajni kun harki caalaan isaa nageenya biyyattii eguuf akkasumas bu’uuraalee misoomaa yeroo wal waraansa kaaba biyyattii keessa ture deebisanii ijaaruuf akka oolu eereera.
Ministirri Faayinaansii Itiyoophiyaa Ahimad Shidee ji’a Bitootessaa keessa Mana maree bakka bu’oota Uummataaf gabaasa dhiyyeessaniin waggootan shan dhufan kessaatti bu’uuraalee misoomaa wayita wal waraansaa miidhaman deebisanii ijaaruun doolara Ameerikaa biiliyoona 20 barbaachisa jechuun isaanii ni yaadatama.
Baajata har’a mana maree ministirootaa Itiyoophiyaaf dhiyaatee mirkanaa’e keessaa birriin biiliyoona 369.6 baasii walii galaaf, birriin biiliyoona 203.9 baajata Kaappitaalaaf akka ooluu fi birriin biiliyoonni 214.7 immoo naannoleef akka qoodamutu ibsame, jedha gabaasni Finfinneerraa Keneedii Abaatee erge.
Forum