Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Marii Muudama Komishinarootaa Raggaasisee Jira


Manni Marii Muudama Komishinarootaa Raggaasisee Jira (suuraa faayilii)
Manni Marii Muudama Komishinarootaa Raggaasisee Jira (suuraa faayilii)

Komiishiinni marii guutuu biyyaa hunda hirmaachisee akka gaggeessuuf labsiin hundeeffamee kan tajaajiilan Komishiinaroota kudha tokko manni maree bakka bu’oota uummataa kan Itiyoophiyaa har’a raggaasisee jira.

Akkuuma Kanaan kanneen Profeesar Masfin Ar’ayaa walitti qabaa akkasumas Aaddee Hiruut Gabra sillaasee itti aantuu walitti qabduu komishinicha ta’uun filataman.

Warrii filataman kudha tokkoon kun, kaadhiimamtoota komiishiinara ta’uun akka tajaajiilaniif namoota dhiyaatanii turan632 keessaa kan filataman yoo ta’u, manni maree muudama namoota kudha tokkoo kana caalmaa sagalee fi kanneen sagalee hin kenniin 5 raggaasisee jira.

Deemsa filannoo kana ilaalchisee miseensoota mana mareef ibsa kan kennan af-yaa’iin mana maree Obbo Taggasaa Caafoo abbotiin Amantii, hawaasnii sivikii,

hogganoonni paartilee siyaasaa morkitootaa fi maanguddoon biyyaa keessatti hirmaachuu isaanii ibsanii jiru..

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG