Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Walaba Jedhus Namoonni Hidhaa Keessa Jiru


Baqattoota sa’udii keessatti baala sammuu darreessu ykn Hashiisha daldaltan jedhamuun hidhaa keessa jiran 750 kan ga’an ta’uu kanneen hidhaa keessa jiran dubbatanii jiran. Isaan kana keessaa mana murtii duratti dhiyaatanii walaba kan jedhaman amma iyyuu hidhaa keessa kan jiran ta’uu ibsameera.

Himata irratti dhiyaate kanaaf ragaan tokko ituu hin jiraatin hidhaan waggaa saddeeti hanga waggaa digdamaa kan irratti murame akka jiranis hidhamtonni kun dubbatnii jiran.

Jalqaba mootummaan yeroo isaan qabu dararaa hamtuun akka irra ga’u kan ibsan namonni hidhaa keessa jiran kun harka isaanii tokko fannisanii tumuu, konkolaataatti hidhanii lafa irra harkisuu fi harka irraa muruun akka irra ga’e dubbatu.

Yakka ilaalchatti kan dhiyyeffaman ta’uus manni murtii walaba jedhee yoo murtesse iyyuu mana hidhaatti deebisamna waan ta’eef, carraan isaa argamnaan gara biyyaatti deebi’uu filanna jedhu.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG