Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqaa Misoomaatiin Mirga Dhala Namaa Dagatame


Waggoota torban darban keessa Iityoopiyaan guddina dinagdee dhibba irraa harka 11 kan galmeesiste si’a ta’u hiyyuummaan lammiiwwan ishee miliyoona 83 ta’uus gad xiqqaate.

Galama milenumii kan tokkummaa mootummootaas imaammat biyyoolessaan wal simsiisee hojjechuu irratti kan waggoota 20f aangootti ciche paartiin biyya bulchu hedduu hojjetee jira.

Amnesty Internationalitti directorr sagantaa Afriikaa Erwin van der Borght akka jedhanitti fooya’inni kun kan argame gatiin itti ba’ee ti jedhan.

Borght akka jedhanitti dhuguma Ethiopian gama misooma dinagdee isheen fooya’ina argamsiistee jirti. Garuu gam tokkoon immoo mirga sivilotaa fi kan polotiikaa kan akka mirga walabummaan yaada ofii ibsuu,of ijaaruu fi wal ga’ii nagaa geggeessuu hin kabajamu.

Gabaasi amnesty kan bara 2012 Itiyoopiyaa ilaalchisuun ba’e seera jaarmolii miga namaa ugguran akkasumas miseensota mormitootaa fi gaazexeessota dhibbaan laka’aman hidhaatti naquu ilaalchisee yaaddoo jiru irratti fuuleffata. Van der Borght akka jedhanitti uggura siyaasaa laaffisuun dantaa dhuma dinagdee Itiyoopiyaa gargaara.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG