Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Mararaa Guddinaa Mana-hidhaa Ma’ikelaawii Keessa Akka Jiran Dhaga’uu Isaa Dubbata Paartiin Isaanii


Dr.Mararaa Guddinaa yeroo Filannoo Itoophiyaa Bara 2015 deggartoota paartii isaanii wajjin, Amboo, Oromiyaa
Dr.Mararaa Guddinaa yeroo Filannoo Itoophiyaa Bara 2015 deggartoota paartii isaanii wajjin, Amboo, Oromiyaa

Dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo fi miseensi hooggana gamtaa Medrek, Dr. Mararaa Guddinaa, walga’ii Gamtaan Awurooppaa waametti hirmaachuuf Awurooppaa bubbulanii Kaleessa akka mana isaaniitti deebi’anitti firoota isaanii lama waliin qabamanii hidhamamuun isaanii beekamee jira.

Itti-aanaa dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu akka jedhanitti, Dr. Mararaan mana-hidhaa Waaltaa Qorannaa Yakkaa, ka “Maa’ikelaawii” jedhamuun beekamu keessatti akka hidhamanii jiran beekamee jira. Maatiin isaanii nyaata geessanii, waardiyoonni harkaa fuudhan iyyuu, Dr. Mararaa wajjiin akka wal hin agarsiisiin dubbatan – Obbo Mulaatuun.

Dr. Mararaa Guddinaa hidhamuu ka dubbate, Mootummaan Itiyoophiyaa, qajeelfama labsii yeroo hatattamaa keessatti tumame cabsuu isaaniitiif qabaman, jedha.

Gareen mirga dhala-namaa, Amnestii Internaashinaal, hidhamuu Dr. Mararaa Guddinaa kana ilaalchisuun ibsa baaseen, tarkaafii akkaan hamaa fi gaddisiisaa, jechuun balaaleffate.

Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG