Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Mararaa Guddinaa: Mootummaan Yeroo Mara Faranjii Gowwomsuu Yaala


Dr. Mararaa Guddinaa
Dr. Mararaa Guddinaa

Chaansilariin Jarmanii Angelaa Merkel daw’annaa Itiyoohpiyaa keessatti gaggeessaniin aangawoota biyyattii fi mormitoota keessaa haga tokko haasofsisuu isaanii dura-ta’aan paartii mormituu Kongreesa Federaalawaa Oromoo fi Itti aanaa dura-ta’aan Medrek, Dr Mararaa Guddinaa ibsanii jiru.

Mootummaan, yeroo hundumaa mala gowwomsaa gargaaramee dhugaa jiru aguuga, jedhan – ka Dr. Mararaan, Sirna filannoo biyyattiin qabdu jijjiiruun akka barbaachisu akkasumas poolisoonni lubbuu galaafachuuf kan dirqaman leenjii ga’a waan hin qabneef ta’uu aangawoonni dubbachuu akka fakkeenyaatti dubbatan.

Duula nu filadhaa paartii Kongirasii Federaalaawaa Oromoo (Faayilii)
Duula nu filadhaa paartii Kongirasii Federaalaawaa Oromoo (Faayilii)

Uummanni mootummaa waliin wal qabaa yeroo jiru kanatti humnootii alaatu harka keessaa qaba jedhamuun waan dhugaa irraa fagaate, kan jedhan - Dr. Mararaan, yeroo hundaa biyyoota alaatu keessaa harka qabaa, jechuubii fi akkasumas moggaafama adda addaa kennuun mootummaa biraatti toftaa baratamaa ta’uu dubbatan.

Dhugaan jiru garuu, uummata tu harka duwwaa ba’ee si’achi na hin bulchitu, jechuu isaa akk ta’e beekna, jedhan.

Gaaffii fi deebii guutuu kana cuqaasaa tii dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG