Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Prezidaant Baayiden fi Prezidaant Putiin

Suuraa Waayit Hawusiin gadhiise kana irratti Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden gita isaanii kan Raashiyaa Vilaadmir Putinii wajjin marii irra yeroo turan agarsiisa, Kibxata, Muddee 7, 2021
Suuraa Waayit Hawusiin gadhiise kana irratti Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden gita isaanii kan Raashiyaa Vilaadmir Putinii wajjin marii irra yeroo turan agarsiisa, Kibxata, Muddee 7, 2021

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden gita isaanii kan Raashiyaa Vilaadmir Putiniif Kibxata, Muddee 8, akka himanitti, Yunaayitid Isteetisii fi michoonni ishee kan Awrooppaa Mooskoon daangaa Yukireen irratti waraana ishee walitti qabuu ilaalchisee yaaddoo guddaa qabu jechuu dhaan yoo Raashiyaan biyya yeroo tokko to’annaa ishee jala turte weerarti ta’e, uggura dinagdee cimaa dhaan deebii kan kennan ta’uu itti himuu isaanii White House beeksisee jira.

Hoogganoonni lamaan s’aatii lammaaf gama viidiyoon wal ga’ii geggeessaniin booda dubbisa dhageessiameen White House akka jedhetti, Biden abbaa biyyummaa Yukireenii fi tokkummaa qabiyyee isheef deggersa kan godhan ta’uu irra deebisuun ibsaniiru. Kanaaf dubbiin qabbanaa’ee gara diplomaasummaatti akka deebi’an gaafataniiru. Baayiden Yukireen ni weeraramti taanaan uggura dinagdee Raashiyaa irra kaa’amu ilaalchisee maal akka ta’e hin ibsine.

This item is part of
XS
SM
MD
LG