Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Dhimma Hidha Laga Abbayyaa Kinshaasaa Keessatti Eegale 


Mariin Dhimma Hidha Laga Abbayyaa, Kinshaasaa, Ebla 4, 2021

Itiyoopiyaa, Sudaanii fi Masriin qindeessa gamtaa Afriikaatiin magaalaa galma mootummaa Ripaablikii dimoktaatawaa Koongoo, Kinshaasaa keessatti marii marsaa haaraa eegalaniiru.

Dura taa’aa gamtaa Afriikaa kan yeroo ammaa prezidaantiin Ripaablikii dimoktaatawaa Koongoo Feliks-Antonii Tsisekedii marii gam sadanuu hoogganu.

Prezidaantiin Masrii Abdul Fattaa El-Sisii torban darbe akeekkachiisa kennaniin, walii galteen gidduu isaaniitti utuu hin mallatteeffamin Itiyoopiyaan hidha sana yeroo lammataaf bishaaniin guutuu jalqabnaan naannoo sana keessatti eenyu iyyuu tilmaamuu kan hin dandeenye sabatiinsi uumamuu mala jedhan.

Haa ta’u malee muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Abiy Ahimed biyyi isaanii walii galteen utuu irra hin ga’amin iyyuu bishaan sana guutuu kan itti fufutu ta’uu ishee ibsanii, sun ta’uu baannaan kasaaraan doolaara biliyoona tokko hojjettootaaf baafame dhaqqabuu mala jedhan.

Yaadawwan Ilaali (3)

XS
SM
MD
LG