Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Baqattoonni Hedduun Hargeessaa Qabamanii Gara Biyya Darbamaa jiru’ Bakka Bu’aa Hawaasaa


Baqattoonni Itiyoophiyaa Somaalilaand jiraatan poolisiin biyyattii isaan dararaa fi fedhiin ala gara biyyaatti isaan deebisaa akka jiru himan.

Somaalilaand magaala Hargeessaa ganna hedduuf ka jiraatan baqattoonni dhalooteen Itiyoophiyaa, ji’a takkaa as poolisiin biyyattii darara nurraa gahaa jiraa jedhan.

‘Baqattoonni Hedduun Hargeessaa Qabamanii Gara Biyya Darbamaa jiru’ Bakka Bu’aa Hawaasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:19 0:00

Baqattoonni kun poolisiin Hargeessaa warreen waraqaa eyyama jireenyaa qaban hedduu hidhaa akka jiru, kaan ammoo fedhii isaanii male gara biyyaatti darbaa jira jedhan. Obbo Imaanaa Hayluu bakka hawaasa baqattootaati. Isaanis rakkoon kun poolisoota Immigreeshiniin akka jalqabe, duraan guyyaa guyyaa akka nama qabaa turan amma garuu halkan halkanis manarra naanna’anii nama qabaa jiraachuu eeran.

Obbo Imaanaan rakkoo qabnu kana warra dhimmi ilaallatutti himannee haga yoonaa deebii hin argannee jedhu. Baqattoonni Oromoo Somaalilaand jiraatanis maatiisaanii keessaa namootni hedduun hidhaman eessa akka jiran hin beeknu jedhu. Obbo Saaliim Mohaammed ganna 15 oliif magaalaa hargeessaa jiraataniiru. Isaanis torbeen dura ijoolleesaanii keessaa ijoollee jaha qabamanii jiru jedhan.

Obbo Saalim ijoollee isaanii jahan keessaa shanan warri poolisiin to’ataman jedhan ijoollee shamarranii umriin ganna 19 gadi ta’uu himanii haga yoonaallee eessa buutee isaanii akka quba hin qabne himan.

Aadde Zeeytunaa muummee haadha ijoollee sagaliiti. Achuma Somaalilaanditti dhalattee kan guddatte aadde Zeeytunaan poolisoonni hargeessaa abbaa warraashee obbo Musbahii Abdulkariim torbee darbe fuudhanii erga deemanii eessa akka geessan hin beekuu jetti.

Baqattoonni, ammas qaama mootummaas tahe kan dhaabbata baqataatti himannee murtee dhabnee jedhu.

UNHCR dameen Hargeeysaa garuu dhimmi kana akka quba qabu hime. Injookii Imwaangii bakka buutuun waajjira UHCR ka Hargeeysaa, dhiyeenya rakkoo baqattoonni himatan kun hammaataa dhufuu eertee, waan kana hambisuuf angawoota Immigreeshinii Somaalilaandi waliin mariyataa akka jiran raga bahan. Mss. Injookiin, poolisiin baqattoota galmee qaban akka hin hiineefis mootummaa beeksisaa jiraachuu eeran.

XS
SM
MD
LG