Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Itiyoophiyaa fi Tarkiin Gaggeessan Milka’aa Ture jedhame


Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad Prezidaantiin Tarkii Tayyip Erdagan wajjin
Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad Prezidaantiin Tarkii Tayyip Erdagan wajjin

Itiyoophiyaan Walgahii Tarkii fi biyyoota Afrikaa giddutti gaggeeffamee inni sadafaan hariiroo biyyoota lameen gidduu jajjabeesuuf carraa kan kenne ta’u, Itiyoophiyaan beeksiiftee jirti.

Itti aantuu Ministeera dhimmootii Komuunikeeshinii aaddee Salaamaawit Kaasaa oduu gabaastotaaf har’a akka ibsanti, walgahii sana cinatti Tarkii fi Itiyoophiyaan mariin gaggeessan kan milkaa’ee ture jedhan.

Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad yaada kennaniin, Prezidaantiin Tarkii Tayyip Erdagan michooma biyya isaanii fi Afrikaa gidduu waltajjii jajjabeessuu itti fufuun isaanii, bu’aa gama lameenii eegsisuu gargaara jechuun galateeffatanii jiru.

Mummichi ministeeraa Abiyyi Erdagaan waliin qophaatti eega dubbatanii booda akka jedhanti, hariiroon seena qabeessii biyyoota lameen gidduu yeroo dheeraaf ture wal kabajaa irratti kan hundaa’ee ture.

Ministeerri ittisaa kan Itiyoophiyaa Dr, Abrahaam Balaay gita isaanii kan Tarkii waliin qofaatti kan dubbatan ta’u Mallaskaachoo Ammahaa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG