Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masrii fi Sudaan Dhimma Hidha Abbayyaa Gola Naga Eegumsaatti Dhiyeessan


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Ministeeronni dhimmi alaa Masrii fi Sudaan falmii ijaarsa laga Abbayyaa guddicha ilaalchisee golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa gidduu akka seenu gaafatanii jiran. Muddamni jiru erga Itiyoopiyaan hidha sana marsaa lammataaf bishaan itti guutuu beeksistee booda hammaate.

Ministriin dhimmi alaa Masrii Sameeh Shukurii akka jedhanitti kun mul’inatti kan argamu gochi qaama tokkoo, itti gafatamni an itti hanqate hojii Itiyoopiyaan hojjette qofaa utuu hin taane, hidha kana bishaaniin guutuun Masrii fi Sudaan irraan miidhaa inni geessisuu danda’u, maal na dhibdee qofaa utuu hin taane, dhiibbaa kaa’uuf yaaliin taasisame, amantaa gaarii hin ta’in kan Itiyoopiyaa ka mul’isuu fi fedhii gamtaan hawaasi addunyaa qabu cabsuuf walii galuu dha jedhan.

Lagi Abbayyaa gama kaabaan dhangala’a, Abbayya adii waliin ta’uu dhaan Sudaan keessaa eegalee gara laga Abbayyaa kan Itiyoopiyaatti nam’a.

Ministriin dhimmootii alaa Sudaan Dr. Mariam Alsadig A. Al Mahdi gama isaaniin, haa ta’u malee, calliinsi gola naga eegumsichaa ergaa dogoggoraa dabarsa. Kunis qaamni tokko qofaa hidha sana guutuun dantaa Sudaaniif miidhaa guddaa kan qabaatuuf qaama maraan kan simatame fakkaata jedhan.

Itiyoopiyaan hidha projektii human ibsaa xumuramuu jala ga’e ijaaruu kan jalqabde bara 2011. Ministrii dhimmootii bishaanii, jal’isiif human ibsaa Dr. Sileshii Bekele immoo, nuti hidha bishaan baatu tarbaayinii ho’isuun kan human ibsaa maddisiisu ijaaraa jirra. Isin hubachiisuuf hidhi laga Abbayyaa dacha lamaa fi walakkaa hidha Aswaan kan Masrii caalaa xiqqaata. Tarii immoo hidha Abbayyaa isa kaanittii kan adda godhu abdii iinni dhiyeessii humna ibsaa kan hin qabaanne lammiiwwan Itiyoopopiyaa miliyoona 65f kennu dha jedhan.

Marii waggoota 10 booda biyyoonni sadan amma iyyuu haala kanaaf furmaata hin artgin jiru. Miseensonni gola naga eegumsaas

Adda addummaa guddaa jiru furuuf fedhii siyaasaa itti barbaaduuf hatattamaan marii murteessaa ta’e akka itti fufan waamicha dabarsaniiru.

Gama biraan dhimmi hidha Abbayyaa gara gamtaa Afriikaatti akka deebi’u miseensota bakka bu’ootaa gola naga eegusmaan mutaa’uun, Itiyoopiyaa dhaaf milkaa’ina diplomaasummaa guddaa ta’u ministriin dhimma alaa beeksisee jira. Dubbi himaan ministeerichaa ambaasaadder Diinaa Muftii har’a ibsa kennaniin hidhi sun guutamuun ka marsaa lammataa yoo xumurame Sudaanii fi Masriin gara walii galteetti fuula ni deeffatu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG