Xurree ittiin seenan

Breaking News

MEDREK: OROMIYAA KEESSATTI 86 AJJEESAMAN, GARA 4000 HIDHAMAN


Obbo Gabruu Gabre-mariyaam, Dr. Beyynee Pheexiroos fi Dr. Mararaa Guddinaa
Obbo Gabruu Gabre-mariyaam, Dr. Beyynee Pheexiroos fi Dr. Mararaa Guddinaa

Sochiilee nagaa fi seera-qabeeyyii humnaan dhaabsisuuf jecha ajjeechaalee fi ukkaamsaaleen haa dhaabatan, kanneen yakkicha raaw’atanis seeratti haa dhihaatan, jechuun, gamtaan paartiilee mormituu, Medrek, har’a gaazzexeessotaaf ibsa kennee jira.

Hoogganoonni Medrek ibsa har’a kennaniin, mormii barattootaa Oromiyaa keessatti ka’e irraa eegalee haga ammaatti lakkoobsi namoota ajjeesamanii 86 ga’ee jira. “haleellaa hunoota mootummaatiin kanneen miidhaman yokaan madaawan gara kuma afurii ti” ka jedhan, barreessaan Medrek, Obbo Gabruu Gabre-Maariyaam, guutummaa Oromiyaa keessatti kanneen qabamanii bakkawwan adda addaatti hidhamanii jiran gara kuma afurii akka ga’an dubbatan. “Namoonni dhibba sadii immoo achi buuteen isaanii hin beekamne” jedhu.

Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin kan kana dubbatan, barreessichi Medrekii fi itti-aanaa dura-taa’aan Kongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Gabruu Gabre-Maariyaam, yeroo ammaa, mootummaan karaa itti gaaffiin uummataa deebii argatu irratti qaamota dhimmi isaa ilaallatu waliin gad-taa’ee mari’achuu irra humnoota isaa guutummaa Oromiyaa keessa bobbaasee ajjeesaa, reebaa, ukkaamsaa fi doorsisaa jira, jedhan.

Mootummaan immoo gama isaatiin miidhaa dhaqqabe kanaaf itti gaafatamtoonni dhaabota mormituu inni “humnoota badisaa ti’ ittiin jedhu akka tahe dubbata. “Kanneen jeeqama sana keessa jiran humnoonni hidhatan humnoota naga eegmsaa irra illee miidhaa geessisanii jiran” jedhanii turan, Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Hayile-maariyaam Dessaalenyi, ibsa gidduu kana kennaniin.

Gaaffii fi deebii Obbo Gabruu Gabre-mariyaam waliin geggeessame guutummaa isaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:27 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG