Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miilotii B/J Asaamminoo Tsiggee Waxabajjii dabre bulchoota Amaaraa fi jeneraal Saaree fixan Jeneraal Birhaanuu Juulaallee Ijjeesuuf malatan


Federal persecutor Eth

Akka abbaan alangaa addaa Itoophiyaa Birhaanuu Tseggaayee ibsa hardha ijjeechaa bulchoota naannoo Amaaraatii fi hajajaa waraana Itoophiyaa ka durii Sa’aaree Mokonnin fa irratti baaseen jedhetti jarii nama fixe sun waraanatti jidduutit dhaabe malee silaa waan hedduu herregate.

Mootummaa humnaan gara galchuuf qophaa’an nama fixanillee filatan

Warrii hujii tana qindeessaa bahe;Birgaader Jeneraal Asaamminoo Tsiggee,Shaambel Memmaar Geetinnet, Shaambel Mennaa Isheetuu fi Shaalaqaa Addunyaa Warquu.

Hajaja Birgaader Asaamminoo Tsiggeetiin waraanii addaa naannoo Amaaraa warra Dr Ambaachoo eegu qawwee irraa hiikee isaa, obboo Izeziifii obbo Migbaaruu fixe.

Waluamttu nama 15tti tanaan dhumate 20 calaaatti madaahee horii hedduutit bade.

Warra hujii tanaan shakkan 70 keesaa 31 hidhan 31 ammoo hin qabamne horii baankii nama 22 irraa qaban.

Miilotii Birgaader Asaamminoo faatii ijeehcaa tanaan duratti aktivistoota isaanii waliin itti qophaahaa bahan.

Naannolee Itoophiyaa keessatti nama leenjifatanii oduu guuraa nama bahan. Wal Dhaba naannolee itti hammeessuu fedhan.

Akka abbaan alangaa addaa jedhetti wannii Finfinneetti jeneraal Saaree Mokonnin ijjeesaniif waraana gosaan gargaar baasanii mootummaa federaalaa harkatti deeffachuuf.

Namii Jeneraal Saaree ijjeeselleen waraana miilotii Asaamminoo faatii leenjifatan hajajaa kudhanii Mesaafinti.


Jeneraal Saaree malee silaa birgader Birhaanuu Juulaallee ijjeessuuf malatani ammoo hin taaneef.

Jara kana hujuma irratti fixuu fedhan. Warra hujii tanaan shakkan Baahir Daar keessaa nama 277 Finfinnee ammo nama 140 qaban.

Poolisii federalaa ,abbaa alangaa addaa Poolisi naannoo Amaaraa fi dame nagaa hedduutti jara kana waliin qorachaa bahe.

Jarii wa qorachuutti jiru kun tobaan diqqoon duuballeetti rakkoo nagaa biyya keessaa qorannee isanititin deebina jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG