Xurree ittiin seenan

Breaking News

Minisootan barana baqattoota biyya itti dhufanii fi saba keessa dhufan waan hedduun gargaaran jette 10 badhaafte lama Oromoo


Dr Obsaa fi aaddee Ruufoo
Dr Obsaa fi aaddee Ruufoo

Minisootaan Dr Obsaa Hassanii fi aaddee Ruufoo Jiruu ummata keessaa dhufanii fi biyya itti dhufan waan hedduun gargaaran jettee badhaaste
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:17 0:00

Minisootaan bara 2019 baqataa 891 ufiitti qubsiifte. Baqataan biyya ormaatii dhufu saba keessaa dhufee fi biyya itti dhufe waan beekuun gargaaree jireennaa namaa wayyeesse jedhanii filan baruma baraan badhaafti.

Nama 10n barana badhaakka kanaan badhaasan keessaa lama lama Oromooti Ruufoo Jiruuu fi Dr Obsaa Hassan. Jarii lachuu Minisootaatti hujii hawaasa Oromoo keessa qooda guddaa qabaachaa bahan.

Jarii lachuu diqqeennaan kaambii baqaaatii Amerikaa dhufe. Asumatti baratanillee.Obsaan asumatti baratee doktora tahe. Ruufoolleen Amerikumatti brumsa Kemistirii baratte.

Jarii lachuu bara hedduu asi tolaan nama gargaaruutti jira.Barumsa ufii caala ammoo biyya itit dhufanii fi ummata keessaa dhufan waan heddun gargaara bahan.

Namii 10n barana badhaasan kanaan Outstanding Refugee Awards jedhan. Nama ufi bira dabree ummata,maatii fi biyyaaf bu’aa buuse badhaafti. Badhaasa baranaa Fulbaan 25,2020 beeksisan.

Badhaasa ykn beekamti tana karaa damee fayyaa fi tajaajila ummataatiin kennan. Beekmatii tana karaa sadiin kennan;tajaajila ummataa, bulchiinsa dargaggoo fi hujii daldalaatin kennan.

"Namii Amerikaa dhufu rakkoo jajjabduu keessa dhufee jireenna biyya itti dhufee, ummataa fi maatii keessaa dhufee jijjiira" jetti koomishineerii Tajaajila Fayyaatii fi Ummataa damee MN, Jodi Harpstead.

Badhaasa kanaan bu'aa jarii kun Minisootaaf buuseef galata galchinaaf,” jette Jodi.

Dr. Obsaan Hassan gaafa gannii 16 Amerikaa dhufe. Barumsa sadarkaa lammeessootii haga doktorummaa Amerikumatti barate.Rakkoo ummatii Oromoo keessa jiru addunyaatti himuu, ogummaa qabuun tolaan namaan wallaanuu fi waan hedduu tolaan hojjadhe jedhe.Ammma hospitaala Mersii keessa hospitalist tahee hojjata.

Rufo Jiruu gaafa gannii isii mana 20 keessa jiru Amerikaa dhufte. Amerikumatti barattee chemist, ogummaa Kemistirii qabdi.Isiilleen hujii ummataan gargaaran hedduu hojjadhe jette. Manneen barnootaatti hujii tolaan ijoollee gargaarte,akka namii fayidaa Amerikaan qabdu argatu hojjadhe jette.

Dhaaba gargaarsaa Aanolee yayyabde.Dhaabii kun ka dubartootii ummataan gargaaran..

DHS,Minnesota Department of Health and Human services ykn Damee Fayyaa fi Tajaajila Ummataa MN walin waan hedduu hojjatte. "Garuma jirtanitti rakkoo saba keessanii lafuma itti dhuftanitti dubbadhaa," jetti.

"Carraa biyya itti dhufneetti fayyadamnee barumsaa,daldalaan,siyaasaa Amerikaa keessaa qooda qabaachaa ummata keenna qarqaaruu qamna," jedha. Jarii 8n hafan nama biyya alaati,

Minisootaan jara badhaaste kana 10nu ganna dhufu keessa simatanii badhaasan. https://mn.gov/dhs/media/news/?id=1053-448337

Bashaasa akkanaa jarii asiin duratti argate kunoo.https://mn.gov/dhs/outstanding-refugees/.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG