Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Maallaqaa Ertiraa Duraanii Hidhaman


Kitaabota mootummaa Ertiraa qeeqan jildii lama eega maxxansiisanii booda ka Wixata dabre hidhaman – ministarri maallaqaa Ertiraa duraanii – Birhaanee Abrehee akka hiikaman, maatiin isaanii gurmuulee mirga dhala-namaa iyyataa jiran.

Ilmi haadhoo isaanii Solomon Habtoom akka jedhanitti, kan umuriin isaanii waggaa toorbaatamii afurii loltuun bilisummaa Ertiraa duraanii Obbo Biraaniin, Wixata dabre, magaalaa Asmaraa keessatti otuu ilma isaanii waliin hojii irra jiranii qabaman.

“Butamanii fudhataman. Namoonni ijaan arganii jiru. Kun amala mootummichaa ti. Isaayyaas humnoota tika nagaa gochaa akkanaa raaw’atan ni qaba. kun itti fufinsuma gochaa isaa ti,” jedha.

Obbo Birhaanee Abrehee eega qabamanii booda, himannaan haga ammaatti irratti dhihaate hin jiru. Mootummaanis waa’ee hidhamuu isaa homaa hin dubbanne.

Amnesty International dabalee dhaabonni mirga dhala-namaa hidhamuu Obbo Biraahnee kana balaaleffataa jiran.

XS
SM
MD
LG