Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerri Haajaa Alaa Chaayinaa Finfinnee Seenan

Mummicha Ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahamad fi Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Chi Gaang, Amajji 10, 2023, Finfinneee
Mummicha Ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahamad fi Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Chi Gaang, Amajji 10, 2023, Finfinneee

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa haaraan Chi Gaang daawwannaa hojiif Itoophiyaa seenanii jiru. Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahamad dhaamsa Twiitarii ofii irra ka’aniin aangawaa Chaayinaa kana simachuu isaanii ibsanii hariiroon biyyoota lamaanii jabaatee akka jiru mariin keenya har'aas kanuuma calaqiisa jedhan.

Kaayyoo Misooma tarsiimoo qabeessaa walii keenyaa fi walta’iinsa ykn tumsa sadarkaa ardii Afrikaa fi kan addunyaa irratti mariin keenya qiyyaafatee ture jedhan Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad.

Angawaan Chaayinaa kun, erga muudamanii booda daawwannaa jalqabaa biyyoota Afrikaa keessatti gaggeessaniin, Itiyoophiyaa kan seenan yoo ta’u, Gaaboon, Angoolaa, Beeniin, fi Masrii ttis imaluuf akka jiran ibsamee jira.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG