Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministera Hujii fi Hojjataa US, Aleksander Akosta dureessa Amerikaa dubra caphanse ykn bira rafeef dubbii dhosse jedhani himachuutti jiran


Labor Secretary Alexander Acosta speaks at JLS Automation in York, Pa., Thursday, June 6, 2019. (AP Photo/Matt Rourke)

Akoostaan kaabine pirezidaanti Tiraampiti.Bara 2008 keessa abbaa alangaa addaa godina Filooriidaati.

Gaafas dureessa Amerikaa horii biliyona hedduu qabu,Jeffrey Epstein durba caphase jedhanii himatan,dubbii dhosseef jedhanii himatan.Innii ammoo ya mormate.

Intaltii innii caphanse ykn buufate jedhan tun kalee TV irratti baate waan dureessii innii ganna 11 duratti isii manatti yaamee tolche himatte.

“Gaafas hin sodaadhee amma ammoo wannii innii na tolche na keessaa baduu diddeef himadhee,” jedtte.

Jefriin kun yoo hedduu ijoollee dubraa ganna diqqaa horiin sossobee waliin rafa jedahnii himatan.

Ganna 11n duratti woma kanaan himatani hidhaa ji’a 13 itti muran. Seera malee guyya ahujii hojjachaa oolee guyya tokko mana hidhaa keessa bula jedhani himaan.

Sun malee adoo intali dubbii tana himatte hin beekin nama himatame sun dubbii sun jalaa baasuuf karaa hedduun gargaare jedhan.

Dubbii sun amma abbaa alangaa addaa godina Niiwu Yoorkittti akka haaraatti himachuutti jira.

Akoostaan waan himataniin kana ya mormate.Miseenstoa kongireesii Amerikaatii fi nama hedduutti akka Akostaan hujii irraa bu’u gaafachuutit jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG