Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministerii Haajaa Alaa US faayidaa filannoo haqaa,amantiin wal dandahuu fi hariyumaa biyyitii isaa Itoophiyaa waliin qabdu irratti mari'atan


Ethiopia US
Ethiopia US

Ministerii Haajaa Alaa Amerikaa,Mike Pompeo imaltuu guyyaa sagaliitii warraa bahe.Angoolaa bahe eda Itoophiyaa gahee borillee bulchootaan wal mari’ata.

Marii hardhaa tanalleen bulchoota mootummaa Amerikaa fi Itoophiyaa waan hedduu wal haasahe.

Akka oduu himtuun ministera haajaa alaa Amreikaa, Morgan Ortagus jettetti Pompeon yoo hardha muummee ministera Itoophiyaa, Abiy Ahmediin wal haasahetti Amerikaan jijjiirama, siyaasaa fi dingagee seenaa qabeettii Itoophiyaa akka deeggartu, faayidaa filannoo nagaa fi haqaa Itophiyaan barana qabaattu irralleetti yaayyuu wal haasahan.

Filannoo paartileen hedduun qooda keessaa qabanii fi filannoo seera filannoo dhugaa qabaattuu irralleetti yaayyuu wal mari’atan.

Marii guyyaa lamaan tanaan faayidaa USA fi Itoophiyaan waliin qabdu nagaa,fi tasgabbii Afrikaa gama Gaafaa jiraachuu male irratti wal haasahan.

Pompeon tana maleellee bakka buutota amantii Itoophiyaatiin faayidaa amantiin demokiraasii biyyaa keessaa qabaattuu fi wal dandahanii waliin jiraahuun qabdu irrati wal haasahan.

Amerikaa yoo Itoophiyaa siyaasaa,mala jireennaatii fi filannoo seenaa qabeetii keessa jirtu kanatti Itoophiyaa waliin jirti

Filannoo dhaabbileen hawaasaa fi ijoolleen kahimaalleen waan akka biyyaatti isaan yaaddessu keesstti qooda qabaatan gargaaruuf doolara miliyoona 37 boordii filannoo Itoophiyaatii kenniti jedha

Ganna lamaan dabaranillee US mala jireenna Itoophiyaa jabeessitee,investeroota guddisuuf fi hujii akkanaa hedduuf doolara miliyoona 117 kennite.

Caasaa fayyaa Itoophiyaallee jabeessuuf Itoophiyaa waliin hojjatti Amerikaan.

Pompeon Itoophiyaan nagaa Somaalee, Suudanii fi Suudan Kibbaa eeguuf qooda isiin qabduuf galateeffate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG