Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dantaa Alaa Itiyoophiyaa Waamicha Dhiyeessee Jira


Embaasilee fi Qonsilaa Itiyoophiyaa keessatti tajaajiila Adda Addaa waggootii dheeraaf Kennaa Kanneen turan biyyatti deebi’uu qabu jechuun ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa gaafatee jira.

Akkaataa caasaa haaraa diriirfamaa jiruun hojii milkaa’iina qabu bifa qubsaa ta’een gaggeessuuf akka danda’amuutti baatii lama keessatti waajiira haadhoo Finfinnee jiruutti akka gabaasaniif gaafatame.

Dubbii himaan ministeera dantaa alaa Itiyoophiyaa Obbo Mallas Alam Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti waamichi kun diploomaatoota hin ilaallatu.

Embaasilee fi Qonsilaa keessatti waggaa afurii hanga digdamii shan ta’uuf toora tajaajiila adda addaan kan hojjataa jiran lakkofsaan sagaltamaa ol kan ta’an akka deebi’an gaafatamee jira jedhu Obbo Mallas Alam.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG