Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensi Mana Maree Karen Uggurri Hirmannaa Itiyoophiyaa  Kan AGOA Bakkatti Akka Deebi’u Gaafatan


Miseensa mana maree Yunaayitid Isteetis, Karen Bass
Miseensa mana maree Yunaayitid Isteetis, Karen Bass

Dimokraatittiin miseensi mana maree Yunaayitid Isteetis fi dura teessuun koreebirkii dhimmootii alaa kan dhima Afriikaa Karen Bass kaleessa ibsa baasani jiran.

“Sadaasa 2 bulchiinsi Baayiden, Amajjii 1 bara 2022 qabee Ihirmaannaa thiyoophiyaa kan AGOA ka rarraasu ta’uu beeksise.

Uggurri AGOA kunis uummata Itiyoophiyaa fi investeroota Ameerikaatiin bu’aa dinagdee argame hambisa. Kanaaf tarkaanfiin kun, qaama hawaasaa akkaan saaxilamoo ta’an dubartootaa fi ijoollee daalatee daranuu hammeessa jedha ibsichi.

Qaamotiin Itiyoopiyaa keessaa martinuu walitti bu’iinsa kana dhaabanii gargaarsa namoomaa kanneen isaan barbaachisuun ga’uu akkasumas nagaa buusanii marii itti fufuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan gochuuf bulchiinsi Baayiden yeroo akka kennuuf nan gaafadha. Yeroon akka tasaa murame Amajjiin 1, barri 2022, lammiiwwan guddina saffisaaf filannoo hin qabaanne irratti dhiibbaa hamaa qabaata jedha ibsi miseensa mana maree Yunaayitid Isteetis Karen Bassn ba’I kun.

Gama biraan seneter Jim Inhoof gama isaaniin, bulchiinsi Baayiden uggura mootummaa adeemsa dimokraasiin filame kan Itiyoophiyaa irra uggura kaa’e kaasuuf tarkaanfii barbaachisu fudhatee bu’aa AGOA argachuun irra jiru bakkatti akka deebisu tweeter irratti barreessuun gaafataniiru.


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG