Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensii Kongireesii US Mike Coffman jijjiirama Itoophiyaatti itti jirutti 'gammadee' achi dhaqee Dr.,Abiyin Ahmedin mari’achuf kurfoo jira


Miseensii Kongireessi Amerikaa, Mike Coffman Itoophiyaa dhaqee Dr.Abiy Ahmediin wal mari'achuu fedgha
Miseensii Kongireessi Amerikaa, Mike Coffman Itoophiyaa dhaqee Dr.Abiy Ahmediin wal mari'achuu fedgha

Congressman Mike Coffman jijjiirama Itoophiyaan keessa jirtutti 'gammadee' barana achi dhaqee Dr., Abiy Ahmediin mari'achuuf kurfoo jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:07 0:00

Congressman Mike Coffman miseensota paartii Rippaabilikaan rakkoo Ormootii fi lammiilee Itoophiyaa addunyaatti himaa bahaniif keessaa tokko.

Miseensota Kongireessi US Seera Wixinee Amerikaa H.Res.128 akka Itoophiyaan mirga namaa ufii jabeeffattu tolchuuf mudduuf deeggaraa bahe keessaa tokko.

Seerii Wixinee kun akka Itoophiyaatti namii mirga qabaatuu fi mootummaa namii cufti qooda keessaa qabu yayyabaniif Manii Maree Amerikaa irratti walii galee Senetii Amerikaatti dabarsuuf walii gale.

Seerii sun akka Itoophiyaan mootummaa goomittaa ykn wayyaa qabu ka ummatii haga guddaan qooda keessa qabaatu itti jabeessee mudda. Tahuu baannaan waan hedduun adaba. Manii Marii US seera wixinee kana Ebla 10,2018 baasee Sentetii Amerikaatti dabarsuuf jennaan Itoophiyaanuu jijjiiramte.

Seera kana nama Oromoo fi lammii Itoophiyaa biyya alaa jiranitti marroo hedduu hiriira bahee Kongireesii Amreiakalleetti himachaa bahe.

Congressman Mike Coffman US godina Koloraadootii bara 2009 keessa filatanii hagasii asi ittuma jira.Muummeen Ministera Itoophiyaa nama kuma hedduu hidhaa baasee, paartilee mormituu biyyatti galchee,qabsaahota mirga namaa hedduu waan himataniin irraa haqee Itoophiyaa fi Eeritaaa walti araarse jedhee waan hedduun faarse.

Congressman Mike Coffman,Beqqelee Garbaa fi bulchoota hawaasa Oromoo Denver 'Torbaan Oromoo' 2018
Congressman Mike Coffman,Beqqelee Garbaa fi bulchoota hawaasa Oromoo Denver 'Torbaan Oromoo' 2018

​"Muummeen Minsiteraa Abiy nama akka malee qarooti qalbii dansaa qaballee. Bulchaa akka malee jabaatii Itoophiyaa karaa dansaa irraan deemuutti jira.Akka herrega kiyyaatti Itoophiyaaf bara haaraatti dhufe," jedha Coffman.

Muummeen Minsiteraa Abiy nama akka malee qarooti qalbii dansaa qaballee.Bulchaa akka malee jabaatii Itoophiyaa karaa dansaa irraan deemuutti jira.Akka herrega kiyyaatti Itoophiyaaf bara haaraatti dhufe.”

Mootummaan Mmuummee Ministera Itoophiyaa, ka durii, Hayilee Maariyam seera wixinee H.Res.128 tiitifatee fudhachuu didaa bahe jedha.

“Maroo hedduu Ambaasaaddera Itoophiyaa,isa lakkisii ministera haajaa alaa Itoophiyaatuu biiroo tiyya DC keessatti kora teennee rakkoo Itoophiyaa irratti wal dubbachaa baane waan jarii wixinee seeraa sun fudhachuu dideef wal mari’anne.”

Jijjiirama amma Itoophiyaan keessa jirtu keessaa kana H.Res128 qooda guddaa qabaa jedha, Coffman.

"Adoo silaa seerii wixinee sun bahuu baatee mootummaan Itoophiyaa mirga namaa qadi qabuuf moohe jedha."

Tanaaf Koomishineerii mirga namaa Tokkummaa Mootummootaa, Zeid Bin Ra’aad Itoophiyaa dhaqee mirga namaa qorachuutti jira.

“Jimaata onanaa sehaa saatii Koloraadootti ganama aa bilbilee [Zeid] eeyee amma rakkoo mirga namaa Itoophiyaa qorachuuf ya eeyyama arganne naan jedhee .Adoo silaa qorachuu dhowwanii inninuu[Zeid] natti hima.”

Amerikaan, Itoophiyaan waaan isii milishoota Al-Shabaab fa loluun isii gargaartuuf rakkoo mirga dhabiitii biyya sunii akka aadoyyee hin ilaalin.

“Akka herrega kiyyaatti US marroo hedduu rakkoo Itoophiyaa irraa ila buqqifatte.US gama kanaan akka malee wallaaltee waan akka malee hamtuu tolchite seha. Wannii akkanaa kun lammeessoo tahuu hin malle.”

Coffman, waan namii kuma hedduu Ameirkaatti muummee ministera Itoophiyaa simateef bulchoota Amerikaa wa gaafate.

"Jarii ani wa gaafadhe,qoradhe ministera haajaa alaa keessallee taanaan namii cuftii dansooma isaa dubbata.Akka malee abdii irraa qabanillee. Abiy qaroo,dubbii qajeelfata,nama jabaa Itoophiyaa karaa qajeelaattiin deemu.”

Congressman Coffman gaafa Dr. Abiy Ahmed US dhufee nama Itoophiyaatiin wal mari'ate kaan wal arguu hin dandeenne taatullee barumna kana,2018 keessaa Itoophiyaa dhaqee wal mari'achuun fedha.

Taatullee namii cuftii akka Coffman muummee ministera hin faarsu.Bombiin Waxabajjii dabree Finfinnee Dirree Masqalaatti fuuluma Muummee Minsiteraa duratti tokkaatee nama lama fixxee hedduu madeessite ka hujii isaa jibbu hedduun jiraachuu mirkansa.

Eegii muummeen minsiteraa ‘Itoophiyaan akka durii hin jirtu biyyatti galaa’ jedhee labsee namii galaaf karaa jira.

Coffman nama Itoophiyaa waan irraa jaalatuun hedduu qaba.“Yoo Amerikaatti godaanuu feetan godina kiyya irraa hin gorinaa DC,MN fi fulaa dhibii dhiisaa natti goraa achiin isan feenaa namilleen guddoo isan jaalataa,” jedha.

Kolaardoo magaala Denver nama Itoophiyaa fi Eeritaa 30,000 caalaatti keessa qubata.

Miseensa Konigreesii US, Coffman waan wal odeeffannu odeeffannee irraa baaneenagaa walti dhaamanne. Innilleen afaanuma keennaa Galatoomaa, Galatoomaa jedhee gargar baane.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG