WASHINGTON DC —
Hagaya bara 1963 keessa hiriira nagaa sochii mirga namaa kan uummati nuusa miliyoonaa irratti argame fi Washington DC keessatti geggeessame irratti haasaa“I have a dream” jedhu kan Dr. Martin Luther King dhageessian ture. Seenaa Ameerikaa kan yeroo dhiyoo keessatti yeroo ajaa’ibsiisaa ture.
Bara 1893 keessa Afriikaa kibbaa keessatti abukaatoo lammii Hindii daraggeessa ta’an Gaandhiin baabura imaltootaa teessuma sadarkaa duraa ta’uuf malllaqa itti baasan irraa kaafamanii gara warreen adii hin taane taa’an sadarkaa gad aanutti akka darban ajajaman.
Presidentiin gumii “forth Freedom Forum” jedhuuf barreessaan kitaaba “Gandi and Beyon” jedhamuu David cortwright akka jedhanitti haala sana kan addunyaa guutummaa keessatti garaagarummaa guddaa fide.
Jireenya isaanii keessatti yeroo jalqabaaf loogiin sanyii isaan mudate. Hedduu gaddan, hedduu aaran. Waa’ee kanaa yeroo yaadan, qabsaa’uun akka irra jiraatu dhugoomsatan.
Haa ta’u malee hookkaratti hin amanan. Gaandiin hookkarri hookkara ka biroo akka kaasu, tarkaanfiin yeroo fudhatamu deebiin akka jiru, inni kaan isa kaan ijaa akka ba’u hubataniiru. Marsaa hookkaraa hamaa kana cabsinee keessaa ba’uun akka nu irra jiraatu Gaandiin hubatanii jiran jedhan.
Akkuma Hinduu kan tauran Ghandhi, Kirstiyaana hojjetaa Wangeelaa kan ta’an Dr. Martin Luther king leellistummaa polotiikaa isaanii kan bu’uursan amantii isaanii irratti.
Akkuma amantiin Gaandhii Hinduun barsiisu ilmoon namaa martinuu diina ofii iyyu haa ta’u siin gad kan hin taane fakkeenya uummaa ti. Marthin Luther king fi duuka buutonni isaaniis ajaja Yesuus Kiristoos diinni kee maddii kee tokko yoo kabale isa kaan itti qabadhuu ti, isaaf kadhadhuuf bakka isaa iyyuu fidirmafiif, dhuma irrattis dhiifama godhiif ka jedhu hordofu.
Dr. king dandeettii gidirsuu isaa dandeettii gidirfamuutiin ofi irraa deebisna. siin gad kan hin taane fakkeenya uummaa ti jedhan.
Kana kan dubbatan TMtti ambasaddora Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa isa duraa fi michuu Dr. Martin Luther keessaa tokko kan ta’an Andrw Young.
Fiilmee seena galmeessa “Do not Walk Alone” Qofaa kee hin deemin jedhuufi waa’ee sochii mirga namaa mull’isu daawwatan. Fiilmii kana keessaa hirira hookkaraan alaa bara 1964 Saint Augustine, Floridatti geggeessameef yeroo daragaggummaa isaanii isaan hoogganan tu keessatti argama.