Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Hidhamtoota Labsii Yeroo Muddamaatiin Wal-qabatee Hidhaman Keessaa Kan Hiikaa Jiru Tahuu Beeksise  


Ministara Taajila Koomiyunikeeshinii Mootummaa, Dooktor Leggesee Tulluu (Suuraa faayilii)
Ministara Taajila Koomiyunikeeshinii Mootummaa, Dooktor Leggesee Tulluu (Suuraa faayilii)

Mootummaan Itiyoophiya namoota gareelee shoroorkeessootaa waliin hidhata qabu jedhee shakkuun hidhee ture hiikaa kan jiru ta’uu waajirri tajaajiila Komunikeeshinii mootummaa beeksisee jira.

Magaala Finfinnee keessatti hidhamanii kan turanii keessaaa hedduun hikamuun tarkaanfii nama jajjabeessuu ta’u komishiniin mirga namooaa kan Itiyophiyaa beeksisee jira jechuun yonaataan zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaaseera.

Labsii yeroo muddamaa sana wajjiin wal-qabatee yakka shororkeessummaatiin shakkamuun namoonni hidhaman haala itti hiikaman kan ibsan, Ministara Taajila Koomiyunikeeshinii Mootummaa – Dooktor Leggesee Tulluu ti.

“Humnoota nageenyaatiin shakkamanii namoota hidhaman keessaa gurmuulee shororkeessotaa wajjiin hojjechuun isaanii akka biyya ganuutti akka ilaalamu amananii, gochaa isaaniitti gabbaanii kanneen dhiifama gaafatan, sadarkaan balleessaa isaanii xiqqaa ka tahee fi mootummaan balleessaa isaanii irraa deebi’anii jiru jedhee, dhimma isaa garaa bal’aadhaan ilaaleekan adda baase namoonni bay’een dhiifamaan akka gad-lakkisaman taasisamanii jiru. Gidduu kana. Kaleessa irraa jalqabee. Kanneen biroonis akkasuma haalli isaanii ilaalamee, itti fufinsaan kan gad-lakkisaman tahu. Namoonni rakkoo sana keessatti taatota ijoo tahan immoo dhimmi isaanii qulqulleefamee gara mana murtiitti dhihaatu ,” jedhan, Dr. Leggeseen.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Mootummaan Hidhamtoota Labsii Yeroo Muddamaatiin Wal-qabatee Hidhaman Keessaa Kan Hiikaa Jiru Tahuu Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:30 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG