Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Duudaa fi Jaamaa Miti


Walgahii paarlaamaa Itiyoophiyaa kan Televiziyonaan guutuummaa biyyatti keessatti darbaa ture irratti mormitoota biyya keessaa akkasumas, akka jecha obbo Mallasitti humnootii alaa Itiyoophiyaa jeequuf yaalan ittin jedhan irratti, jecha hamaa dhagesisan.



Hiriira nagaa fi haleellaa shoroorkessootaa kanneen qindessan kam iyyuu mootummaan obsaan hin ilaalu jechuun akekkachisan obbo mallas.Maaliif deggertonni MEDREK Oromiyaa keessatti hidhamu? Jechuun miseensi paartii mormituu tokkittin jiran gaafannaan,obbo mallas deebii kennaniin, kanneen hidhaa keessa jiran miseensoota ABO ta’uun kanneen shakkaman jedhan.

Waraaqsa uummataa kakaasuuf yaaliin akka jiru mootummaan keenya ni beeka,jechuudhaan kallattiin gamtaa MEDREK fi paartii Tokkummaan haqaa fi Dimokraasiif jedhamutti quba qaban.
Mootummaan keenya jaamaa fi duudaa miti, dhaga’uu fi arguu danda’aa jedhu obbo Mallas.

Marsaalee uummanni ittiin wal qunnamu kan akka "Facebook" irratti duula gaggeefamaa jiruun guyyaa IHADIG aangoo itti qabatee Ebla 20 mormii guddaan akka ka’uuf waamichi dhiyaataa jira.

Prezidaantiin Itiyoophiyaa duraanii Dr Negaasoo Gidaadaa yeroo ammaa dura ta’a paartii Tokkummaa ti.Hiriira waamamaa jiru kana keessaa mormitonni harka hin qaban jedhu. Obbo Mallas diddaa uummtaa kana mormitoota fi biyyoota ollaa dorsisuun ukkaamsuuf fedhu jechuun himatan Dr Nagaasoon.

Kana malees mootummaan seeraan ala miseensoota paartii mormituu irratti tarkaanfii fudhatuuf qophii fi dorsiisa oofa jedhu. MP3 tuquun guutummaan dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG