Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummicha-ministaraa Hayilemariyaam:Imaammatni Mootummaa Itiyoophiyaa Dhaabbataa Dha


Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa, Hayilemaariyaam Dessaalenyi
Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa, Hayilemaariyaam Dessaalenyi
Kan as Niwu-yoorkitti kora walii-galaa ka Tokkummaa Mootummootaatti hirmaataa jiran - Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa haaraan - Hayilemariyaam Dessaalegni dhimma daangaa irratti, imaammatni Mootumman isaanii hariiroo Ertiraa waliiniif qabu akkasumas laga Abbayaatti fayyadamuu ilaalchisee imaammatni Masriif qabu dhaabbataa akka tahe eeruudhaan, Mootummaan isaanii karaa nagaa furmaata fiduutti ka cichu ta’uu dubbatan.

Ertiraa waliin, kaleessas, har’as wal-dhibdee qabnu karaa nagaa furachuuf waggoota sagaliif balbala bannee eegaa jirra, jedhu - Obbo Hayilemariam.

Mootummaan Masrii haaraan, tarii, Mootummaa keessan ammaa kana akka carraatti fudhachuun akka dhimmi Abbayatti fayyadamuu keessa deebi’amee dubbatamu yaaluu mala. Ejjennoon keessan maali? gaaffii jedhuuf ennaa deebisanis, dhimmi Abbayaa dhimma Itiyoophiyaa fi dhimma Masrii qofa miti. Dhimmi kunis dhimma haaraa miti - jedhanii, mirga biyya isaanii Abbayatti gargaaramuuf qabduu fi haala itti dantaan biyyoota biroo eegamu ibsanii jiran.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:24 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG