WASHINGTON,DC —
Jara kana gosa wal aasisan jedhanii hidhan.Pirezidaantii naannoo Somaalee ka durii obboo,Abdii Mohaammad Omar fi bulchootii biiroo siyaasaatii fi damee nagaa naannoo Somaalee itti gaafatamaa tahee hojjachaa bahe.
Abbaan alangaa addaa jarii kun wanajal gugurdaa ka akka nama gorrahan,haawaani fi dubra buufachuu,uleen waan fedhan tolchanii fi wanjala afaaniinuu dubbachu hin dandeenne hedduun himate.
Tana maleellee naannoo Oromiyaatii fi Somaalee jidduutti boolla nama 200 itti awwaalanii fi fulaa dhibitti ammoo reeffa nama 50 caalaa argan jedhnii jaraan himatan.
Dubbii isaanii malee torbaan dhufu mana murtii Finfinneetti laalan.