Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Tokkummaa Biyyoolessaa Akka Hundaa’u Gaafanna: Gamtaa Medirek


Gamtaan Medrek wal ga’ii isaa kan dhaabaa 14ffaa ennaa geggeessetti ibsa ejjennoo baaseen irra hedduu kan irratti fuuleffate dhimmootii yeroo kan biyyattii irratti.

Itiyoophiyaa keessatti bulchiinsa demokraatawaa fi jabanaa gad dhaabuuf qabsoowwan geggeessaman tarreessuun kan jalqabe ibsi kun mul’ataa biyyaa kana hojii dhugoomsuutti dhiyaatanii kan turan garuu carraawwan miliqan jedhan yaadachiiseera.

Carraa amma uumame jedhe illee akka hin miliqne yaadachiisa.

Itti fufuu dhaanis kana hojjechuuf paartiin biyya bulchu IHADEG gara fuula duraatti tarkaanfiiwwan fudhachuu qaba jedhe illee ibsu sun tarreessee jira.

Ibsa sana dubbisaan kan dhageessian miseensa paartii Mekerek obbo Wandimmu Ibsaa turan.

Bulchiinsi paartii IHADEG kan hanga ammaatti hiraannaa uummataatiin ala qofaa isaa Itiyoophiyaa bituuf yoo ta’e malee carraan isaa bulchuu fi geggeessuuf akkasumas humni isaa cimaan kan laaffatee fi kana irraan kan ka’es bulchiinsa gaarii fiduu akka dadhabe ofii isaa amanee afaan isaan dhugaa ba’uu irra darbee, rakkoolee hanga ammaatti uumamaniif itti gaafatama waan fudhateef jecha, itti gaafatama fudhate kanas mootummaa tokkummaa biyyoolessaa hundeessuu dhaan carraa gaarii yeroo 4ffaaf dhufe kana akka hin balleessine cimsinee yaadachiisuu dhaan muummichi ministeerichaa ennaa hirbuu seenan haasaa dhageessisan waadaa seenan akka eegan, jechaa fi uummataaf amanamummaa qaban hojii dhaan akka mul’isan MEDREK cimsee yaadachiisa jedha ibsi sun.

Medirek ibsa isaa kanaan IHADEG fi mootummaa waliin mari’achuuf yaada isa dandeessisu bifa galmeen qopheessuu isaa beeksiseera.

Ibsi kun itt fufuu dhaan biyya keenya keessatti bulchiinsi mootummaa gara gara qajeelfama mootummaatti akka jijjirramu gochuuf duwwaa irraa ka’us ta’e ce’umsa battala raawwate hin simatu jedha.

Walumaa gala jijjiirama warraaqsaa hin barbaannu ka jedhe fakkaata ibsi kun. Walumaa gala MEDREK jijjiirama akka dhfu inni barbaaduuf haala mijataa uuma kan jedhee fi jijjiiramoota amma ta’uu qabu jedhe keessaa obbo Wandimmuun dubbisaan dhageessisaniiru.

Mootummaan Tokkummaa Biyyoolessaa Akka Hundaa’u Gaafanna: Gamtaa Medirek
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:03 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG