Kamisa kaleessaa mootummaan Itiyoopiyaa yeroo hin murtaa’iniif walii galteen namoomaa battala hojii irra oola jechuun labse. Naannoo Tigraay bakka uummati kuma dhibbaan laka’aman beelaaf waan saaxilamaniif gargaarsi hatattamaa akka isa dhaqqabu abdiin qaba jedhee jira. Walii galtee lola dhaabiinsaa gargaarsa namoomaaf
Mootummaan muummicha ministeeraa Abiy Ahimed illee gargaarsi hatttmaa naannoo Tigraay akka dhaqqabu gochuuf murannoo akka qabu ibsa ba’een beeksiseera. Gargaarsa namoomaaf lola dhaabinsi kun akka milkaa’u gochuuf hidhattoonni Tigraay haleellaa irraa of qusatanii, naannolee hollaa qabatan keessaa akka ba’an waamicha dabarseera.
Kunis haala namoomaa gamas jiru kan fooyyessuu fi walitti bu’iinsa kaaba Itiyoopiyaa keessaa dhangala’uun dhiigaa itti dabalaa utuu hin jiraatin furuuf daandii akka saaqu abdachuu isaa mootummaan beeksisee jira.
TPLF labsii mootummaa kanaaf Twitter irratti barreessuun deebii kenee jira. Gareen kun akka jedhetti wal waraansa sana hatattamaan dhabuu hojiitti hiikuuf murannoo qabna. Garuu mootummaan naannoo Tigraay bakka uummati kuma dhibbaan laka’amu beelaan dararamaa jiru gargaarsa hatattamaa akka ittiin ga’u yaadachiisee jira.
Mootummaan naannoo Tigraay ibsa barreeffamaan baasuun twitter irratti maxxanse kanaan uummatii fi mootummaan naannichaa walitti bu’iinsa kana karaa nagaan furuuf yeroo mara ejjennoo ifaa ta’e qaba ture jedhee jira. Waggoottan arfan darbanis irra deddeebi’uun qaama dhimmi isaa ilaallatutti dabarsinee jirra jedha ibsichi.
Yunaayitid Isteetis mootummaan Abiy gargaarsi kanneen gargaarsi barbaachisu akka hin dhaqqabne ittise jechuun yoo qeeqxu, angawoonni immoo dangaa kan uume garee riphee lolaa ti jechuun deebii kennan.
Uummata miliyoona ja’a kan naannoo sanaa keessaa dhibba irraa hrka 40 kan ta’u uummanni Tigraay hanqinni nyaataa hamaan isa mudachuu isaaf Tokkummaan mootummootaa baatii amajjii keessa hanqinni boba’aa hojjettoonni gargaarsaa dawaa fi meeshaalee barbaachisu lafoo akka hin dhaqqabsiisne uggure jedhee jira.
Biyyoonni gama dhiyaa gaeeleen lamaan loa dhaabinsaa fi walii galuu isaa yoo simatan, Yunaayitid Isteetis, Briteenii fi Kanaadaan labsii lola dhaabinsaa sana simachuu isaanii beeksisaniiru.
Ministriin dhimma alaa Antonii Biliinken akka jedhanitti Yunaayitid Isteetis qophii naga eegumsaa dabalatee marii fi walii galteen lola daabiinsaa waariina qabu akka jiraatu gareeleen martinuu akka labsii kanaatti akka itti fufan gaafatti jedhan.
Mootummaan Briteen murtii mootummaan Itiyoopiyaa walii galtee lola dhaabinsaa gargaarsa namoomaaf jedhu labsuu isaa fi Tigraayin gargaarsi akka dhaqqabu mirkaneessuu isaa simatee jira.
Itiyoopiyaa kan jiru embasiileen Canada fi Jabuutii ergaa Twitter maxxansaniin lasii sana simatanii jiran.