Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Janaraal Kinfee Daanyoofaa Dhiyeessaniif Deebii Hin Qopheessine: Abbaa Alangaa


Meejar Janaraal Kinfee Daanyeew himata irratti dhiyaateef mormii dhiyeeffataniif abbaan alangaa deebii yeroon dhaqqabsisuu waan dadhabeef jecha guyyaa dabalataa akka kennamuuf gaafatee jira. Abukaatoleen himatamtootaa garuu kun gaaffii sirrii miti jechuun mormanii jiru.

Dhuma irratti Manni murtii yeroo dabalataa kan itti xumuranii dhiyeessan ehamee jira.

Abbaan alangaa mana murtichaaf akka ibsetti yoo ta’e hojiin baay’achuu isaaf keessumaa galmeelee himannaa kana itti gaafatamummaan hojjetaa kan turan abbaan alangaa sababaa dhukkubsataniif hojii waan hin seenneef mormiilee himannaaf deebii qopheessuun hin danda’amne jedhan.

Galmeelee kanneen biroo irrattis ajaji wal fakkaatu waan kennameef, hojiin tuulamuu isaa hammeesse jechuu dhaan abbaan alangaa ibsee jira. Kanaaf jecha beellammi ka biroon akka kennamuuf mormii himannaalee sanaaf deebii ga’aa qopheessuu akka danda’u iyyatee jira.

Abukaatoleen himatamtootaa martinuu gaaffii abbaa alangaan dhiyaate cimsanii morman. Abukaatoleen kun hojiin heddummaachuu isaa tilmaaman iyyuu gaaffichi sirrii dha jedhanii kan hin amanne ta’uu dubbataniiru. Maamiloonni isaanii mirga wabii dhorkamanii hidhaa keessa jiraachuu yaadachiisanii gaaffii abbaan alangaa yeroon itti dabalaa akka kennamu gaafate kun murtii haqaa hatattamaan akka hin kennamne gufachiisa jedhan.

Murtiin bubbule immoo akka waan dhorkametti waan lakaa’amuuf itti gaafatmni kana sirreessuu immoo kan mana murtii ta’uu tuqanii gaaffiin abbaa alangaa bira taramee mormii himannaa dhiyeeffatan irratti murtiin akka kennamu gaafataniiru.

Kun yoo ta’uu baate immoo beellammi yeroo gabaabaa akka kennamu iyyataniiru. Falmii gam lameenii kan dhaggeeffate manni murtichaa abbaan alangaa mormii himannaalee sanaaf deebii isaa barreeffamaan akka dhiyaatu Fulbaana 11 bara 2011f beellama ka biroo kenneera jedhan Meleskachoo Ammahaa Finfinneerraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG