Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiin Sudaan Keessaa Guyyaa Sdaffaaf Itti Fufee Jira


Hiriira mormii Sudaan keessaa, Onkoloolessa 16, 2021
Hiriira mormii Sudaan keessaa, Onkoloolessa 16, 2021

Hiriirtoonni kuma hedduu fi waraannii Sudaan Wiixata kaleessaa dabalatee guyyoota walitti aanan sadiif, masaraa prezidaantii biyyatti biratti hiriiranii jiran. Xiinxaltonni akka akeekkachiisanti, mootummaan ce’umsaa sivilootaan hogganamuu kun, rakkoo jabaataa dhufee kan isa mudataa jiru waan ta’eef aangoo irraa isa buusuu mala.

Guutummaa biyyatti keessatti hokkarrii hammaataa kan jiru yoo ta’u, hogganoonni mootummaa muddamsa kana qabaneessanii walii galtee irra ga’uuf mala barbaachuu qabu jedhan xiinxalaa siyaasaa kan ta’an Hassan Haj Alii.

Mummichi ministeeraa Sudaan Abdallaa Haamdok kaabinee isaa hanaga tokko keessa deebi’anii ilaaluun ministeeroota haaraa muuduu ykn, mootummaa ce’umsaa kana keessatti lakkoobsa ministeerootaa dabaluu qabun jedhan Aliin.

Sudaan bara 2019 Al-Bashiir aangoo irraa eega darbamanii booda, mormiitoota waliin wal ta’uun mootummaa ce’uumsaa hundeessitee as, rakkoo siyaasaa jabaa keessa seentee jirti.

Baatii Fuulbaana dabree warra Al-Bashiriif amanamoo taa’aniin yaaliin fonqoolcha mootummaa gaggeeffamee eega fashalee as, kaabinee sivilootaa keessatti jijjiramnii akka ta’u, gaafatamaa jira.

Kanneen waraaqasa gaggeessanii fi humnootii jijjiramaa giddutti proojeektii guutuuu biyyaa dhiyaatee irratti walii galuu dadhabamuutu rakkoo kana fidee jechuun Haamdook, torban dabree Televiziyoona irratti haasawaa dhageesiisan.

Kanneen masaraa prezidaantii magaala Kaartuum keessa jiru bira taa’aanii mormii dhageesisan kun immo, mootummaan amma jiru diigamee kan biraa kan ogeeyyii teeknikaa ta’aniin bakka haa buufamuu jechaa jiru.

XS
SM
MD
LG