Xurree ittiin seenan

Breaking News

Odu-gabaasaan Sagalee Ameerikaa, Muktaar Jamaal, Adaamaatti namoota hookkara kaasaniin haleelamee miidhaan irra gahee jira


Faayilii - Gabaasan VOA Jamaal Muktaar atleet Fayyisaa Leellisaa yeroo dubbisu, Finfinnee, Itoophiyaa
Faayilii - Gabaasan VOA Jamaal Muktaar atleet Fayyisaa Leellisaa yeroo dubbisu, Finfinnee, Itoophiyaa

Odugabaasaan Sagalee Ameerikaa, Muktaar Jamaal, Adaamaatti har’a ganama hojjaarra otuu jiruu namoota hookkara kaasaniin haleelamee miidhaan irra gahee jira. Muktaar rakkoo nageenyaa magaalaa Adaamaatti mudate irratti gabaasaa qopheessuuf otuu hordofaa jiruu rukkutame, jedha obboleessi isaa Adnaan Mohaammed.

Haala itti Muktaar manaa bahee rukutame yoo ibsus, “manaa bahee utuu sagantaa wayii waraabaa jiruu reeffa namaa karaarratti arge. Otuu waan arge sana viidiyoo waraabaa jiru warri hookkara kaasan sun waan gareen taa’anii argaa turaniif dhufanii dhagaadhaan rukutan,” jedhe.

Hiriyootni isa bira turan kanneen biroon akka jedhanitti Muktaar namoota hookkara kaasan 20 caalaniin dhagaa fi uleedhaan tumame. Haleellaa kanaan mataa isaa bakka sadii, hidhii, dugdaa fi miila isaarra miidhaan gahuu dubbatu.

Odugabaasaan VOA, Muktaar Jamaal irratti yeroo haleellaan kun raaw’atametti miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa akka dhiheenya irra turan dubbate – Obboleessi Muktaar, Adinaan Mohaammed.

“Humnonni naga-eegumsaa gaazzexeessaa ta’uu isaa eega baranii booda isa baraaran,” ka jedhe. Warri balaa geessise bilbila Muktaar harkaa qabu akkasumas meeshaa inni ittiin odeeffannoo gabaasaa waraabbataa ture harkaa saamanii akka baqatan kanneen dubbatan, hiriyyoonni Muktaar, “Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa dhiyeenya turan reebicharraa isa oolchan malee, warra miidhaa isa irraan to’annaa jala hin oolchine jedhe.

Yeroo ammaa kanatti Muktaar hospitaala magalaa Adaamaa jiru keessatti wal’aansa baqaqsanii hodhuu fudhataa jira.

Odu-gabaasaan Sagalee Ameerikaa, Muktaar Jamaal, Adaamaatti namoota hookkara kaasaniin haleelamee miidhaan irra gahee jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:39 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG