Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummeen Ministira Itiyoophiyaa Mootummaa Afrikaa Kibbaa lammiilee Itiyoophiyaa achi jiraniif waraqaa eyyama jireenyaa laatuuf gaafatan


Muummeen Ministiraa Abiy Ahmed Imaltuuf Afrikaa Kibaa dhaqe
Muummeen Ministiraa Abiy Ahmed Imaltuuf Afrikaa Kibaa dhaqe

Muummeen Ministiraa Abiy Ahmed Imaltuuf Afrikaa Kibbaa Dhaqe
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:23 0:00


Daawwannaa isaanii Afriikaa torbee darbeen muummeen ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Afrikaa kibbaa daawwatanii gaggeessitoota biyyattii hedduu duuka mariyatanii jiru. Jimaata ka Afrikaa kibbaa gahan Abiy Ahmed, Prezdentii biyyattii Siiyril Romafoosaa waliin mariyatanii mootummaan Afriikaa kibbaa

Jimaata darbe Afriikaa kibbaa daawwiif ka seenan muummen Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmed Piriitooriyaatti Prezdentii biyyattii Siiyril Roomafoosaa waliin maree gaggeessanii jiru.

Gaggeessitoonni lameen dhimmoota hedduurratti maree ka gaggeessan yoo tahu, dhumarrattis walii galteewwan waliif mallatteessuu Afriikaa Kibbaatti Ambaasaadderri Ityoophiyaa Shiferraaw Teklemaariyaam VOA’tti himaniiru.

Walii galteen dosee lamaan qophaaye ka waliif mallatteessani tokko, angawoota mootummaa Itiyoophiyaa ykn Afriikaa Kibbaa ta’anii ka paaspoortii diploomaatii ykn ergama mootummaa harkaa qaban biyyoota lameenittuu VISA malee akkasumaan biyya walii akka seenani walii galteerra gahameera.

Kanaanis qondalonni biyyoottan lameenii sichi walitti adeemuuf VISA hin gaafatamani jechaa dha.

Walii galteen kaan ka gama Fayyaa fi Tuurizimiin mallatteeffameedha. Biyyoottan lameenuu gama kanaan cimina mataa isaanii qabuu, tokko kan itti badhaadhe kaan bira haqnquutu jira; fakkeenyaaf afriikaa kibbaa yoo ilaalle sekterrii tuurizimii galii guddaa biyyaaf akka argamsiisu ni beeknaa, Ka Itiyoophiyaammoo sekterri kun galii hagas jedhamu waan galchu miti. Kanaaf gama keenyaan qabeenya tuurizimii qabnu fayyadamuuf muuxannoo biyya kana jiru gargaaramuuf walii galtee karra nuuf banudhaa, jechuun dubbatu.

Ambaasaadder Shiferraan mummeen Ministiraa Abiy yoo lama lammilee Itiyoophiyaa biyyas jiraatan waliin mariyachuus dubbatanii rakkoo eyyama jireenyaa Itiyoophiyaanonni qaban pirezdent Roomafoosaaf kaasuu himan.

Dhimmi kuni gadi fageenyaan irratti mariyatame. Muummeen ministiraa Maandeellaa fakkeenya fudhatanii gaaffii lammilee Itiyoophiyaa dhiyeessan. Abbaa qabsoo fi abbaa Afriikaa kibbaa ka tahan Nelson Maandeellaaf Itiyoophiyaan paaspoortii kenniteefii leenjii waraanaas akka laatteef himanii, Itiyoophiyaan biyya oolmaa guddaa isiniif oolte jedhan.

Dabalaniis gocha Itiyoophiyaan dur gaggeessaa keessaniif oolte lammilee Itiyoophiyaa biyyana jiraataniif mootummaan akka oolu gaafatani.

Pirezdentiin biyyattiis dhimmi kun xiyyeeffannoo argatee akka deebii argatu dha ka waadaa seenan. Kanaafis koreen waajjira dhimma keessoo biyyanaa keessaa fi ka bakka bu’oota mootummaa Itiyoophiyaas hirmaachise hundaayee yeroo gabaabaa keessatti hojiitti akka seenu ka walii galame. Jedhan dabalanii yoo dubbatan.

Ambaasaadder Shiferraan koreen kun turtii torbanootaa keessatti hojiisaa akka jalqabu dubbatanii jiru.

Lammileen Itiyoophiyaa Afriikaa Kibbaa jiraatan hanqinni galmee fi eyyama jireenyaa ammaa nuuf yaaddoodha jedhu. Bakka bu’aaan hawaasa Oromoo Afriikaa kibbaa fi Itti Aanaa bakka bu’aa hawaasa Itiyoophiyaa Nawaawii Muusaa muummeen ministiraa gaaffii kana baqattootaaf gaafachuun waan gaariidha jedhan.

Obbo Nawaawwiin gochi saamichaa lammilee biyya Alaa Afriikaa kibbaa jiraatan irratti fulbaana darbe mullatee ture amma gab jechuu dubbatanii, hanni dhumaa wagga keessumaa mudde keessa mullatu ture barana akka hin turre dubbatan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahmed Afriikaa kibbaan dura Ikuwaatooriyaal Giinii ka daawwatan yoo ta’an yoosis pirezdentii biyyattii Tewoodooroo obiyaang Imbasoogoo waliin wal argaanii mariyatanii badhaasas harkaa fudhatanii turan.

Abiy Ahmed Afriikaan Kibbaa sirna deemookraasiin buluu aansitee as gaggeessaa Itiyoophiyaa biyyattii daawwatedha isa jalqabaati.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG