Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummeen Minsitera Itoophiyaa Abiy Ahmed UAE,Dubaahitti lammii Itoophiyaa biyya olloota isiitii fi naannoo sun jiraniin wal mari'ate


Hawaasa muummee Abiy Ahmed,Dubaahii
Hawaasa muummee Abiy Ahmed,Dubaahii

Muummeen Minsitera Abiy Ahmed lammii Itoophiyaa biyyoota jiddu gala bahaa jiraniin wal mari'ate
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:07 0:00

Marii tanaan Dr Abiy waan biyyitii keessa jirtu,karoora isiin itti deemtu hariyummaa isiin biyyoota alaa waliin qabduu fi waan hedduu irratti dubbate.

“Asi jiraattanillee biyyitii teessan jijjiiramtee rakkoon amma jirtu seenaa taatee haftii isan hagasitti jabaadhaa hojjadhaa,” jedhe.

Ammaa baqataa fakkaannullee jedhe Dr Abiy “wannii cuftii dabartee seenaa hojjanna,” jedhe.

Itoophiyaan namii biyya alaa jiru hojjatu akka jecha muummee ministeraatti Itoophiyaa hin boqochiisa.

Rakkoon teessan rakkoo teennaa dhibii keessan dhiba keenna waliin jiraannee waliin guddanna,” jedhe.

Marii tanaaf hawaasa Oromoo Qataar keessaa ka dhufe keessaa Taajuu Mohaammd.

Dr Abiy galma keessatti hawaasii gara garaa gaafii gaafatee istaadiyoomii keessatti ammoo haasaa tolche.

Waan gaafatan keessaa:

  • Rakkoo ummata Wallggaa,Booranaa fi Gujii,Walloo
  • Nageenna Jawaara,
  • Waaqeffatanaan maaniif lafa awwaalaa akka dhabe
  • Mootii duriitiif maaniif akka soodduu dhaaban
  • Masaraa mootummaa keessatti warrii Oromoo fi aadaa isaa jibbuu jiraachuu fi hedduu gaafatan akka warrii dhaqe jedhetti.

Gaafii tanaa hedduu deebii deebisullee haga tokko ammoo hin deebimne jedhan.

Ummar Walloo warra marii tanaaf jedhee Dubaahii dhufe.

  • Marii tanaan hawaasii Oromoo waan biyyiti keessa jirti,
  • Waan waardiyaa Jawaar kaafamuu
  • Siyaasaa Oromoo Dr Abiyitti karaa irraa gorse jedhanif hedduu gaafatan jedha.

Dr.Abiy Itoophiyaan saba cufaa walqixxee taatee durumattuu akka deemtu waadaa gale.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG