FINFINNEE —
Dhaabilee barnoota ol aanoo keessatti rakkoo nageenyaa irra deddeebii dhaan mul’atu furuu dhaaf hojiin eegalamuu isaa muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimed dhiyeenya dubbatanii jiran. Barattoonni yuniversitiilee adda addaa keessa jiran amma illee yaaddoo qabna jechuu dhaan dubbatu.