Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Abiy Hoogganoota Gareelee Mormituu Waliin Mari’atan 


Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed fi hoogganoonni gareelee mormitootaa dhimmootii biyyaa kan yeroo ammaa irratti marii geggeessan.

Dhimmootii marii isaanii ijoon ol aantummaa seeraa, dhimmi hidha Abbayyaa, filannoo fi walii galtee biyyoolessaa uumuu isa jedhu ture. Hirmaattota VOAn dubbise keessaa Profeeser Beyene Peexiroos, Dr. Mararaa Guddinaa, Obbo Yeshiwaas fi gama mootummaa irraa immoo obbo Nigusuu Xilaahuun turan.

Dhimma mootummaan hookkara dhiyeenya biyyattii keessatti ka’een wal qabatee hoogganoota siyaasaa hidhuu isaa mormuu irraan kan hafe martinuu dhimmootii ka’an irratti yaada wal fakkaatu qaban. Profeseer Mararaan hoogganoonni siyaasaa hidhaa jiran gad dhiisamanii marii walii galtee biyyoolessaaf geggeessamu irratti mari’achuu qabu jechuun falman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG